(SQ – Caamsaa 23,2022)
Jaallan isaa waliin yeroo dheeraadhaaf hiraara mana hidhaa keessaa keessummeessaa kan jiru miseensi GS-ABO J/Kennasaa Ayyaanaa fayyaan isaa haala ulfaataa irra bu’ee akka jiru dhaga’ameera.
Dhibeelee shukkaaraa fi dhiigaa dhukkubsataa kan jiru J/Kennasaan, guyyoota sadan kana dhibeen isaa itti hammaachuu irraa dhiiga balaqqamsiisaa jiraachuun barameera. Dawaan fudhataa jirus deebi’ee dhibee biraa itti uumaa jiraachuu dha kan gabaasamaa jiru.
J/Abdii Raggaasaa fi J/Gadaa Gabbisaa dhibee tiruu hamtuun qabamanii kan jiran si’a ta’u, hidhaa irraa ba’anii akka waldhaanamaniif hayyama dhorkatamuun dhibee kanaan hidhaa keessatti waldhaansoo dabalataa qabaa jiru.
Jaallan kunniin badii takkaan maleetti miseensa hogganaa fi qondaala ABO ta’uu qofaan yakkamanii hidhaa keessatti itti taphatamaa jiru hidhaa irraa baasuu fi lubbuu oolfatuuf Oromoon keessaa fi alaa dhiibbaa godhu nuffii fi dadhabbii tokko malee itti fufuu qaba.
Hogganootnii fi Qondaalotni ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman:
1) Jaal Abdii Raggaasaa
2) Jaal Mikaa’el Booran
3) Jaal Kennasaa Ayyaanaa
4) Jaal Daawit Abdataa
5) Jaal Lammii Beenyaa
6} Jaal Dr.Gadaa Oljirraa fi
7) Jaal Gadaa Gabbisaa ti.