Barataa Oromoo Yuunversiitii Gambeellaattii Poolisii Humna Addaa Gambeellaatin rukatame riiferiin gara Finfinneetti barreeffamuufiin dhaga’ame.
(SQ-Bitootessa 28,2022)
Guyyaa kaleessaa jechuun Bitootessa 27,2022 Walitti bu’iinsa poolisii federaalaa fi Poolisii Humna addaa Gambeellaa gidduutti mudate sababeeffachuun jibba barattoota Oromoof qaban kan agarsiisan poolisiin Humna Addaa Gambeellaa Barattoota Oromoo hedduu irra miidhaa geessisuu gabaasne turre.
Haaluma kanaan Barattoota Oromoo miidhaan irra ga’e keessaa tokko Dhalataa Godina Wallagga Lixaa Magaalaa Gullisoo kan ta’e Damee Habtaamuu Yuunversiitii Gambeellaatti Barataa muummee istaatiksii waggaa 2ffaa yoo ta’u Uleedhaan morma irra dha’amuun rifeeriin finfinneetti barreeffamuufii Maddeen keenya nuuf himan.
Barattoota Sabaan Oromoo hin taane irraa adda qoodamnee miidhaan nurra ga’a jira kan jedhan Barattoonni Oromoo mooraa Yuunvesiitii Gambeellaa haga ammaatti barattoonni hedduun bakka isaan geeffaman hin baramnes jedhu.
Barattoonni Sabaan Amaara ta’an poolisii federaalaatin eeggamanii ( ajjabamanii) mooraa keessaa baafama jiru, garuu barattoonni Oromoo mooraa keessatti ittifamaa jirras jechuun sanuu Barataa Oromoo tanaan nama lama sadii ta’ani wal cinaa dhaabbachuun dhorkaadha jedhanii nu dorsisaa jiru jedhu barattoonni mooraa Yuniversiitii Gambeellaa.
Haala rakkisaa keessa jirra uummanni Oromoo sagalee nuuf ta’a jechuunis dhaamsa isaanii dabarfataniiru.
Maddi – GMN!