“Mirgi keenya sarbameera. Namni nu dhaggeeffatu waan hin jirreef bitaa nu galee jira jedhan .”jiraattota Aanaa Amuruu

Jiraattonni magaalaa Amuruu ijoolleen isaanii hidhattootatti makaman, manni isaanii humnoota nageenyaatiin gubataa jira‼️

Godina Horroo Guduruuu Wallaggaa  aanaa Amuruutti manni jiraattota ijoolleen isaanii hidhattootatti makaman gubachuu isaa namoonni ijaan argan DW tti himan. Akka namoonni Doyche Welle dubbise jedhanitti, kaampii waraanaa keessatti hidhamanii jiran; Namoonni reebamanii jiru. Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa komii kana qaqqabuu isaa mirkaneessee, haala nageenyaa naannichaa irraa kan ka’e komii jiraattotni jedhaniif qorannoo akka hin gaggeessine ibseera.

Jiraattonni Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu Ijoolleen isaanii hidhattootatti makaman jechuun irra deddeebiin ukkaamfamanii fi miidhaa irra gahuu himataa jiru. Namoonni miidhaman akka gabaasanitti, “Ijoollee keessan hin fidne” waan tahee hidhamtan Manni keessan gubate, Ijoollee keessantu Waraana Bilisummaa Oromootti makamaniiru jedhamanii manni jiraattota sadii humnoota Waraanaa mootummaan  gubate jedhu.

Jiraattonni qabeenyi isaanii fudhatamee manni isaanii gubate haleellaan kun humnoota milishaatiin akka raawwatame Deutsche Welle’tti himan. Isaanis “Yeroo mucaa kee deebiftu siif deebisama ” jedlhanii  “nama tokko irraa loon ja’a (6) ganama kana humnootiin Nageeyaa gara buufataatti fudhatanii” jedhan.

“Mirgi keenya sarbameera. Namni nu dhaggeeffatu waan hin jirreef bitaa nu galee jira jedhan .” 

Namoonni kanaan dura ji’ootaaf hidhamanii turan mana hidhaatii ba’aniiru, jiraattonni dubbisnees akkaataa qabeenyi isaanii fudhatamee fi manni isaanii akka gubate ibsaniiru, kanneen miidhamanii fi manni abbaa isaanii gubate dabalatee jechuun DW gabaaseera.

“Abbaan keenya yeroo lammataaf hidhamee guyyaa Ayyaana Faasigaa  gad lakkifame. Amma uffataa fi nyaata keenyallee osoo hin baasin mana maatii keenya guban,” jedha jiraataan aanaa Amuruu maqaan isaa akka dhahamu hin barbaanne DWtti hime.

“Kana malees, ganama har’aa caamsaa 10/2025 naannoo sa’aatii 12:00tti dhufanii loon dallaa isaanii keessaa baasanii fuudhanii deeman,” jechuun jiraataan Aanaa Amuruu kuni Doyiche Weelitti himeera. “Mirgi keenya sarbameera. Namni nu dhaggeeffatu waan hin jirreef burjaajjii keessa gallee jirra jedhan.”

“Kana malees, Ebla 28, 2017 manni isaa akka gubate kan ibse himataan obbo Dassaalenyi Bayynaa, “Haati warraa isaa kaampii waraanaa keessatti hidhamtee jirti. Akkasumas reebicha hamaa irra gaheera, haala amma keessa jiruun lubbuun jiraachuu moo du’uu keessa akka jirtu hin beekamu. Rakkoo guddaa keessa jirra.”jedhan

Aanaa Amuruu keessatti namoonni hedduun ijoolleen isaanii Waraana Bilisummaa Oromoo keessatti argamu jedhaman kanaan dura ji’a 7 fi isaa ol hidhamanii turaniiru. Jiraataan biraa Doyche Welle waliin dubbate tokko ijoollee isaanii hidhattootatti makaman akka fidan irra deddeebiin dhiibbaa fi doorsisa akka isaan irra gahaa ture dubbateera. Obboleeyyan isaa tokko waggoota dura Waraana Bilisummaa Oromootti akka makame kan himu jiraataan kun, ilma isaa deebisuun dandeettii maatii ol akka ta’e ibsuun, erga maatii isaa irraa adda bahee waggaa lama ta’uu ibseera.

“Hanga ammaatti manni namoota sadii gubatee jira;qabeenyi isaanii fudhatamee jira.Ijoollee keessan fidaa jechaa jiru. Ijoolleen eessa akka jiran hin beekamu” jechuun ibseera jiraataan aanaa Amuruu inni lammaffaan kunis yaada isaa DWtti himeen.

“Ijoolleen warra maatii mataa isaanii hundeessanii ijoollee godhataniidha. Namni tokko daa’imman umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’eef gaaffiin gaafatamuu danda’a. Isaan kun warra gaa’ela qabaniifi of danda’aniidha; aangoo jala hin jiran,” jedha jiraataan naannoo sanaa tokko, garuu itti dabaluudhaan “yeroo hunda namoota kana waliin wal qunnamtii qabda” jedhameen dararama jedhan.

KMNI damee Jimmaatti Darikteera kan tahan  Badhaasaa Lammeessaa  Doyche Welle’tti akka himanitti, Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa komii “mana gubuu, saamicha horii, fi haleellaa qaamolee adda addaatiin dhala namaa irratti raawwatame” isa qaqqabuu himuun. Haa ta’u malee, “haala nageenyaa naannichaa rakkisaa ta’e irraa kan ka’e, qaama kana irratti rakkoon mudateera jennee deebii kennuu waan hin dandeenyeef callisnee turre,” jedhan.  “Garuu odeeffannoo fageenya irraa walitti qabuu fi galmeessaa jirra,” jedhan obbo Badhaasaan .

Jiraattonni godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Amuruu, kanneen kanaan dura “ijoollee isaanii shiftaa tahaniiru” jedhamanii himataman, naannoo 130 ta’an, godinicha keessatti waajjira poolisii Oborraatti osoo mana murtiitti hin dhiyaatiin, ji’oota torbaaf akka hidhaman beekameera. Manneen namoota lamaa ijoollee isaanii fiduuf ukkaamfamanii turan gubachuun beekameera.

Gabaasni kan DW Amharic

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *