Ogeessotni Fayyaa Itiyoophiyaa gaaffii mirgaa gaafatan 80 ol hidhamuu waldaan Ogeessota Fayyaa Itiyoophiyaa hime.

‘Sadarkaa hammaataarra gahuu dura atattamaan falli haa kennamu’ – Waldaa Hakiimota Itoophiyaa.

Waldaan Hakiimota Itoophiyaa duula ogeeyyiin fayyaa gaggeeessaa jiran ilaalchisuun ibsa baaseen ogeeyyiin fayyaa hidhaman akka gadhiifamanii hojii idileetti deebi’an gaafate.

Waldichi ogeeyyiin hangamii duula kanaan walqabatee akka hidhaman hin ibsine. Gama kaaniin lagannaa hojiin walqabatee hojjettoonni fayyaa 80 tti dhiyaatan hidhamuu qindeessitoonni duula ogeeyyii fayyaa guyyoota muraasa dura BBCtti himanii turan.

Waldaan Hakiimota Itoophiyaa ibsa miidyaa hawaasaarratti Dilbata har’aa maxxansee keessatti gaaffii ogeeyyiin mindaan xiqqaachuu, fayidaan ogeeyyiin argachuu qaban akka eegamuu fi bakki hojii akka mijatuuf kaasan ”sirriidha” jechuun deeggaree fala akka argachuu qabu gaafate.

Waldichi hojjattoonni fayyaa tajaajilli fayyaa fi barnoonni fayyaa hubamuun hawaasa, ogeeyyii fayyaa fi sirna eegumsa fayyaa akka waliigalaatti akka hubu ibsa baase kana keessatti akeekkachisuun, dhimmichi mariidhaan saffisaan akka hiikamu gaafate.

Dabalataan Waldichi fala barbaadurratti qaamolee qooda qaban waliin akka hojjatu ibse.

”Haalli kun sadarkaa hammaataatti guddachuu dura Ministeerri Fayyaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun marii biyyaalessaafi gulantaasaa eeggate atattamaan gaggeeffamee furmaatni akka argamu waamicha godha.”

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa sochii lagannaa hojii ogeeyyiin fayyaa tibbana bakka garaa garaatti taasisaan ilaalchisee ibsa baaseen, ogeeyyii muraasa hojii idileerra hin jirre jedheratti tarkaanfiin akka fudhatamu beeksise.

Duulli lagannaa hojii kun ”maatii ofii, fira, aanteefi hawaasa mara kan miidhuu ta’un alatti, gama naamusa ogummaa fi namoomaatiinis fudhatama kan hin qabneedha” jechuun balaaleeffateera.

Daballii mindaafi faayidaalee akkasumas haala hojii mijataa dabalachuun gaaffilee ijoo 12 tarreessuun sochiin ogeeyyiin fayyaa ji’a tokkoof taasifamaa ture gara lagannaa hojiitti erga seenee guyyoota muraasa ta’eera.

Boordiin Sochii Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa (EHPM) gaaffiin ogeeyyiin fayyaa dhiyeessaa jiraan deebiisuuf tarkaanfiin atattamaa akka fudhatamuu irra deddeebiin gaafata jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *