“Dhimmi ogeessota fayyaa sadarkaa yaaddessaa irra gaheera” – waldaa Narsoota Itiyoophiyaa

“Dhimmi ogeessota fayyaa sadarkaa yaaddessaa irra gaheera” – waldaa Narsoota Itiyoophiyaa

Dhimmi ogeessota fayyaa sadarkaa yaaddessaa irra akka gahe Waldaan Narsoota Itiyoophiyaa ibseera. Ogeeyyiin gaaffii mirgaa gaafatanii hidhaman akka hiikaman, doorsisni fi sodaachisuuย  akka irraa dhaabbatu gaafateera.

Waldichi kana kan ibse sochii yeroo ammaa ogeessonni fayyaa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti raawwatamaa jiran ilaalchisee ibsa baaseen .

Waldaan kun; Mootummaan dhimma ogeessota fayyaa sadarkaa yaaddessaa irra gaheef xiyyeeffannoo akka kennu waamicha dhiyeessaniiru.

Waldaan Narsoota Itiyoophiyaa ibsa baaseen akkas jedheera ๐Ÿ‘‡

– Gaaffileen yeroo ammaa ogeeyyota fayyaa fi miseensota waldichaan kaโ€™aa jiran:

โ€ข Hanqina meeshaalee hopsitaalaa jiraachuu

โ€ข Mindaa gadi aanaa jalaa tahuu

โ€ข Faayidaalee ogeeyyotaaf guutamuu qabu dhibuu

โ€ข Carraa barnootaa fi guddina dhabuu

โ€ข Hanqina nageenya bakka hojii dhibuunโ€ฆyeroo dheeraaf ajandaa taโ€™ee ture jedhan, yeroo qaamota dhimmi ilaallatu waliin mariidhaaf dhiyyaataa tureera jedhan. Dhimmi kun sadarkaa yaaddessaa irra waan gaheef xiyyeeffannoo mootummaa akka argatuuf gaafateera jedhan.

– “Gaaffii tajaajila yaalaa addaan cite ykn lafarra harkifatu hin fudhannu, sababiin isaas dhukkubsattoota xiyyeeffannoo dhaabbilee fayyaas ta’e ogeeyyii fayyaa ta’an du’aaf sababa ta’a,” jedha waldichi. “Ogeeyyiin, hoggantoonni dhaabbilee, Ministeerri Fayyaa, fi qooda fudhattoonni hatattamaan mari’achuun furmaata kaa’uudhaan hojiin kun dafee akka deebi’u gochuu qabu.” Jechuunis akeekeera.

– Ogeessota fayyaa “gaaffii gaafattaniittu” ykn “tumsitaniittu ” jechuun mana hidhaatti hidhaman hiikuu; Dhaabbilee fi qaamota birootiin doorsisaa fi sodaachisoo ogeessota fayyaa irratti gaggeeffamus akka dhaabbatus gaafataniiru.

Dhuma irrattis Narsiiwwanii fi ogeessota biroo gaaffii qaban waltajjiiwwan mariif qophaaโ€™an irratti akka hirmaatan, gaaffii isaanii akka dhiyeessan, furmaata barbaaduu irratti akka tumsan gaafateera.

#Waldaa Narsii Itoophiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *