Odeessa_Hidhaa!

[SBO-Caamsaa 20, 2025] Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Adamsuun Akkuma Itti Fufetti Jira.
Guyyaa har’aa Caamsaa 20, 2025 Qondaala ABO Dachaasaa Wiirtuu Moosisaa sababa tokkoon ala humni Mootummaa Biltsiginnaa (PP) ukkaamsuun mana hidhaa Caffee Aannanii (Meeksikoo) jirutti hidhuu Sagaleen Bilisummaa Oromoo mirkaneeffateera.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf murteeffatee erga hoogganni dhaabaa bara 2018 biyya galee eegalee, miseensonni, Qondaalonnii fi Hoogganoonni ABO eenyummaa isaaniin yakkamuun waggootaaf hidhamuun ni yaadatama.
Ammaas guutummaa goleelee Oromiyaa keessatti miseensonni ABO mana hidhaa jiru; Biltsiginnaan yeroo dhihootti hoogganoota ABO mana hidhaa irraa gadi dhiisanis, ammas miseensota dhaabaa bakka bakkatti adamsaa jiru.
Yeroo dhaabni seeraan Boordii Filannoo Biyyaalesaa Itoophiyaatti galmaa’ee qabsoo karaa nagaa gaggeessaa jiru kanatti, paartiin aangoo siyaasaa dhuunfatee jiru, miseensota dhaabaa humnaan qabee ukkaamsuun, hulaa dimokiraasii dhiphisuu fi sarbamiinsa mirga namoomaatti xiyyeeffachuu dha. Kun ammoo daranuu nagaa biyyattii booreessa malee fala karaa nagaan biyya tasgabbeesuu miti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *