Antooniyoo Gutaraaz Itiyoopiyaa akka hin dawwanne dhorkamanii akka turan barame

 

Barreessaa olaanaan dhaabbata biyyoota gamtoomanii Antooniyoo Gutaarez kanaan dura Tigraay daawwachuuf karoorsanii mootummaa Itoophiyaatiin heeyyama dhorkamanii akka turan gabaafame.

Ragaalee Intelejensii US miliqanii bahanirraa akka hubatametti barreessaa olaanaan dhaabbatichaa akka Itoophiyaa hin daawwanne kan yeroo sanatti heyyama dhowwatan ministira muummee itti aanaa fi ministira dhimma alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makonnini.

Gutaarez dhaabbata biyyoota gamtoomaniitti bakka buโ€™aa Itoophiyaa kan turan karaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseetiin dallansuu qaban obbo Dammaqaa Makonniniif ibsuu barbaadanii akka turanis ragaaleen kun ni agarsiisu.

Qondaalli olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kun bara dhaabbaticha keessatti tajaajilanitti karoorri daawwannaa harkaa kufuun kan jalqabaati jedhamee jira.

Minisitirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad boodarra Yaaโ€™ii Gamtaa Afrikaa darberratti wal arguun dhiifama gaafachuu gabaasni Washingtonpost ni agarsiisa.

Barreessaa olaanaan dhaabbata biyyoota gamtoomanii Gutaarez waraana Yukreen, waraana Tigraayi fi rakkoowwan addunyaan kutaa hedduutti keessummeessaa jirtu hordofee dhiphina jajjabaa keessa turuu sanadni dhoksaan miliqee bahe ni mulโ€™isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *