Sudaan keessatti humnoonni walwaraanaa jiran sa’atii 24’f dhukaasa dhaabuuf waliigaluu ibsanis, waliigalteen kun ammallee hojiirra hin oolle.
Janaraalonni waraanaa gam-lachuu jiran waraana guyyaa afur lakkoofsise booda ture Kibxata kaleessaa (Ebla 18, 2023) dhukaasa dhaabuuf walii galuu kan ibsan.
Magaalaa Kaartuumiifi kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti humni waraanaa biyyaalessaa fi humni addaa biyyattii meeshaa waraanaa gurguddaan walhaleelaa jiraachuu, sagalee dhukaasaa gurguddaa dhagahaa jiraachuu jiraattonni himan.
Jeettiiwwan waraanaas haleellaa raawwachaa jiraachuu argaa jiraachuu himan.
Janaraalonni waraanaa kaleessa wayita dhukaasa dhaabuuf waliigaluu ibsan, kanneen miidhaman mana yaalaan ga’uufi namoota nagaaf daandii banuuf dhukaasi dhababachuu qaba jedhanii waan amananiif ta’uu eeran.
Ibsi isaanii kun dahagahamee sa’atii 12 booda garuu naannawa buufata waraanaa biyyattiifi buufata xiyyaaraatti walitti bu’iinsi dhagahamaa ture.
Waraana Sudaan guyyaa shanaffaa qabate kanaan hanga ammaatti namoonni nagaa 200 caalan ajjeefamaniiru.
Lammiileen biyyattii tajaajila bishaaniifi ibsaa argataa hin jiran, manaa ba’uus hin danda’an.
Manneen barnootaafi hospitaalonni dhukaasa gurguddaan haleelamaniiru.
Barsiisaan mana barumsaa magaalaa Kaartuum keessatti argamu tokko keessaa barsiisu namoota mooraa mana barumsichaa keessa jiran keessa namni tokko rasaasaan mataa keessa rukutamuu BBCtti hime.
Jiraattonni yaaddoofi sodaa keessa jiraachuus hime barsiisaan kun.
Gamtaan Doktarootaa Sudaan gamasaan hospitaalota Kaartuum keessa jiran 59 keessaa 39 haleelamuu ibse.
Hospitaalonni kunneen tajaajilaan ala ta’uun, tajaajila fayyaa hawaasaa akkaan yaaddoo keessa galcheera jedha jaarmiyaan kun.
Dubbi himaan Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waraanni Kaartuumiifi kutaalee biyyattii kaan keessatti gaggeeffamaa jiraachuufi ajajoonni waraana kanaas dhukaasa dhaabuuf fedhii akka hin agarsiifne ibsan.
Gareen walwaraanaa jiru kun iddoowwan ijoo biyyattii kanneen akka buufata xiyyaaraa, buufataalee ajaja waraanaa fi buufata TV biyyattii akkasumas masaraa mootummaa to’achuuf wal-hadhaa jiru.
Wayita ajajoonni lameen waliigaltee dhukaasa dhaabuu kabajuu diduun waraanni Sudaan keesatti itti fufee jiru kanatti, aanga’oonni mootummoota Baha Afrikaa Roobii har’aa garas imalaa jiraachuu himaniiru.
Gamtaan Afrikaa Roobii har’aa dhukaasi dhababatee dureewwan Jibuutii, Keeniyaa fi Sudaan Kibbaa gara Sudaan imaluun marii araaraa ni eegalu jedhee akka abdatu ibse.
Aanga’oonni mootummaa kunneen akka Sudaan seenaniin yeroof aangoo biyya bulchuu kan harkaa qaban Janaraal Abdel Fattaa al-Burhaan fi itti aanaa isaanii Janaraal Mohammad Hamdan Dagalo dubbisuuf karoora qabu.
Waraana Sudaan keessatti bifa haaraan torbee kana eegalee deemaa jiru dhaabsisuuf hanga ammaa tattaaffiin hawaasi idil-addunyaa taasisaa jiru hin milkoofne.
Haala kana keessatti waraanni hamaan itti fufee kan jiru yoo ta’u, kun ammoo waraana waliinii hamaa biyyattii keessatti kaasuu mala jedhamee sodaatama.
Waraana Sudaan kan hammeessan janaraalota aangoo wal-saaman Janaraal Abdel Fattaa al-Burhaan fi Janaraal Mohammad Hamdan Dagalo jedhamaniidha.
Sudaan keessatti lolli akkuma itti fufetti jira.
