Yaadannoo Wareegamuu Waggaa 2ffaa Artist Haacaaluu Hundeessa sababeeffachuun Duutisa Humna Qabsoo Oromoo kan Cimsedha! Jedhe KFO,n ibsa baaseen

Yaadannoo Wareegamuu Waggaa 2ffaa Artist Haacaaluu Hundeessa sababeeffachuun
Duutisa Humna Qabsoo Oromoo kan Cimsedha! Jedhe KFO,n ibsa baaseen

(SQ-Waxabajjii 29,2022)

Artist Haacaaluu Hundeessaa erga ajjeefame har’aa waggaa lammaffaasa xumureera. Sirba Haacaaluu qofa odoo hintaanee bakki Haacaaluun dhaabbate nama wajjin dubbate, gaaffiifi deebii inni gaazexxeesitoota wajjin geggeesse umurii sirna gadi galoo gabaabseera. Keesummaa sirna mootummaa abbaa irree Adda Dimiikiratawaa Warraqsa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) mogolee buusee sabaafi sab-lammii Itoophiyaa irraa ari’eedha.

Baroota duula filannoo sobaa 1997, 2002 fi 2007 geggeeffame keessa kaabineefi kaadireen OPDO/DhDUO hunda caalaa kan sodaattu lallabaa miseensoti KFO geggeessan caalaa sirba Haacaaluu Hundeessa ti. Yeroo sanarraa eegalee hiddaa mootummaa abbaa irree ADWUI dabalatee leelliftooti sirna burkata’aa durii illee artisti jallatama kanarratti ilkaan qarataa turteetti.

Haacaaluun kan ajjeefame calluma jedhame miti. Itti yaadamee, itti xiyyeeffatamee akka ta’e kan hubachiisu tarkaanfiin du’a isaatii as lammilee Oromoo, keesumaammoo miseensotafi deeggartoota KFO irratti fudhatame ragaadha. Geggeessa reeffa Haacaaluu sababeeffachuun miseensoti KFO adamsamani qabamanii mana hidhaatti darbatamaniiru. Kaan ammoo hiraaramaniiru, kaan jiruufi jireenya isaani dhiisanii burjaaja’aniiru. Hunda caalaa kan nama gaddisiisu dhimmi Haacaaluun itti ajjeefame facaatiidhaan Ummata Oromootiif hin addeefamne. Kunimmoo hamilee maatii Haacaaluu,fi Ummata Oromoo miidheera.

Miseensoti KFO lubbuu Haacaaluu ajjeechaan darbe waggaa 2ffaa gadda guddadhaan yaadatu. Haata’u malee hunduma caalaa duutii Haacaaluu Hundeessaa Humna Qabsoo Oromoo kan Cimsedha jennee amanna. Sodaa carraa Haacaaluu dhaqabe keessaa bahuuf ammallee qabsoon aarsaa guddaa gaafatu fuuldura keenya akka jiru hubachuun hima biraa hinbarbaachisudha. Haacaaluun hinduune, inwareegame malee! Ayyaanii Haacaaluu ammallee haacaalu!

Waajjira Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)

Finfinnee: 22 Waxabajjii bara 2014

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *