Koree Qindeessituu Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaafi Gaazzixeessitoonni ONN har’a marsaa 11ffaaf mana murtii walii gala Oromiyaatti dhiyaatan.
(SQ-Waxabajjii 28,2022)
Koreen Qindeessituu Mootummaa Ce’umsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN har’a Waxabajjii 28,2022 marsaa 11ffaaf Mana Murtii waliigalaa Oromiyaatti dhiyaatanii jiru.
Dhaddacha darbe irratti koreen Mootummaa Ce’umsaa Biyyooleessa Naannoo Oromiyaa abbaan seeraa waada ogummaa isaaf seene cinaatti dhiisuun loogdummaa agarsiiseen, dhimmi isaanii abbaa seeraa biroon akka ilaalamuuf iyyatani turuun kan yaadatamuudha.
Haaluma kanaan Manni Murtii Walii gala Oromiyaas Waxabajjii 28/2022 taa’een, Dhimma akka abbaan seeraa jijjiiramuuf shakkamtoonni kunneen gaafatanii turan kuffiseera. Manni Murtii Walii gala Oromiyaa akka Abbaan Alangaa himata isaa foyyessee dhiheessuuf guyyaa 14 dura ajaja dabarsuun ni yaadatama.
Bu’uuruma Kanaan Abbaan Alangaa har’a himata kana fooyyessee waan dhiheessef manni murti shakkamtoonni kunneen deebii isaanii barreeffamaan akka dhiheeffataniif beellamni haaraan Adoolessa 7/2022 (ALH Waxabajjii 30/2014)tti beellama biroo kenneera.
Kun ta’ee osoo jiruu ammas manni murtii ta’e jedhee guyyaa beellama itti qabachuun akka isaan mana hidhaa keessa turan gochaa akka jiruu fi mirga hidhamtoota kanaa sarbaa jiraachuu adeemsa seeraa loogiin guuttame kana irraa hubachuun ni dand’ama.
Jaallan koreen Qindeessituu Mootummaa Ce’umsa Biyyoolessa Oromiyaa kunneen kan qaamolee adda addaa of keessa qabu:
1) Qaasim Abdullaahii Abbaa Waarii
2) Seefuu (J/ Gabbisaa Lammii Fayyisaa) Abbaa Tamaam
3)Muhammad Waadoo
4) Lammii Tasfaayee Baraartii
5) Kaliifaa (Gammachiis) Abdulfattaa Abdurrahiim
6) Muhammad Iisaa Yuusuuf
7) Toofiq Amaan Roobaa
8) Adnaan Yuusuuf Abdoo
9) Najaash Muhammad Amiin
10) Usmaan Aadam Ahmad
11) Daraaraa(Tarreekumaa Asaffaa Baacaa)
12) Callaa Usmaa’el
13) Muhammad Ahmad Muhammad
14) Dachaasaa Wiirtuu
15) Kadir Sayid Jiloo kanneen jedhaman oggaa ta’an Gaazzexeessonni ONN galmee kana jalatti himataman ammooDassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuu Abbaa shoomaati.