Waraanni Bilisummaa Qimaant humna dabalataa leenjifataa jiraachuu beeksise.

Waraanni Bilisummaa Qimaant humna dabalataa leenjifataa jiraachuu beeksise.

(SQ-Waxabajjii 28,2022)

Waraanni Bilisummaa Qimaant kabajamuu mirga ummata Qimaantiif qabsoo hidhannoo taasisu cimsee itti fufuu beeksisee.

Waraanni kun humna haaraa leenjisuun dirqama qabsoo itti aanuuf qopheessuu isaa Jaanoo Qimaant Miidiyaa’f ibseera.

Ummanni Qimaant ummata afaan, aadaa fi duudhaa mataa isaa qabatee qe’ee abboota isaa irraa dhaale irra barootaaf jiraataa jiru ta’us, mirga eenyummaa isaa dagaagfachuu fi ofiin of bulchuu mulqamee, naannoo Amaaraa jalatti ukkaamfamee akka bulu ta’eera jedhe.

Cunqursaa Bulchiinsa Naannoo Amaaraa jalatti isa mudate qolachuun, mirgi ofiin of bulchuu ummatichaa akka kabajamuuf dhalattoonni ummata Qimaant waggootaaf qabsoo jabaa geggeessaa turan.

Yeroo ammaas qabsoon dhalattoota ummata Qimaantiin geggeeffamu kun jabaatee itti fufuun gara Qabsoo hidhannootti cehee jiraachuun dhagahameera.

Mirga eenyummaa ofii guddifachuu fi ofiin of bulchuu ummatichaa kabachiisuun roorroo ummata Qimaant mudatetti xumura gochuuf kan hundaa’e Waraanni Bilisummaa Qimaant qabsoo hidhannoo geggeessaa jiraachuu kan beeksise wayita ta’u, humna haaraa leenjisuun qabsoof hiriirsaa jira.

Itoophiyaa keessatti Bulchiinsi Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufees ta’e sana duraa qabsoo karaa nagaatti ulaan cufameera.

Qabsoo karaa nagaatti ulaan cufamuun ammoo ejjennoo ummanni barbaachisummaa qabsoo hidhannoo irratti qabu kan jabeesse wayita ta’u, gareeleen qabsoo hidhannootti seenanis heddumaan babal’ataa dhufaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *