Qondaalotnii fi miseensotni ABO akkasumas sab-boontotni Oromoo har’a mana murtiitti dhihaatan ammas beellamaan mana hidhaatti deebisaman
(SQ – Bitootessa 14,2022)
Badii tokkoon maleetti, ilaalcha siyaasaa qaban qofaaf yakkamanii mana jireenya isaaniitii qabamuun ji’ootaaf manneen hidhaa adda addaa keessatti kan hiraarsamaa jiran qondaalotnii fi miseensotni ABO, akkasumas sab-boontotni Oromoo J/Yerosan Hayyuu, Gammachiis Tolasaa, Geessisaa Kuusaa, Wandasan Abdulqaadir, Abiyot Ashannaafii Coqorsoo, Koorsaa Kabbadaa, Abdii Iliyaas, Daani’el Tasfaa, Carraa Yohannis fi Awwal Jamaal har’a Bitootessa 14,2022 Mana Murtii Birbirsa Goorootti dhihaataniiru.
Haa ta’u malee har’as dhimmi isaanii osoo xumura hin argatin Bitootessa 15,2022 borutti beellama biroo akka qaban beekuun danda’ameera.
Himatni isaan irratti dhihaate kan paartiin biyya bulchu PPn “ABO Shanee” jedhee yaamu WBO fi TPLF waliin hojjetaa jiru kan jedhu yoo ta’u, kun dhugaa irraa kan fagaate, ilaalcha siyaasaa qabaniin yakkamoo ta’anii ti jechuun himatichi itti yaadamee kan qopheeffamee ta’uun ibsameera. Himatni isaan irratti dhihaate dhugummaa tokko illee kan hin qabne; qondaalotnii fi miseensotni ABO kanneen karaa nagaan ifatti kan hojjetan, teessoo beekamaa qaban ta’uunis eerameera.
Qondoolotni ABO Yerosan Hayyuu, Gammachiis Tolasaa, Geessisaa Kuusaa fi Wandasan Abdulqaadir amma duras badii tokkoon maleetti bakka jiraatan irraa qabamuun toora waggaa tokkoof manneen hidhaa Buraayyuu fi Awaash Malkaa Sa’aatti hidhamanii gidirsamaa turan.