Harmeen Jaal Dilbii Mararaa Mana jireenyaa ofii keessaa humnoota Mootummaa Abbaa Irreen butamanii bakki geeffaman hin beekamne.

(SQ Bitootessa 14, 2022)
MaatiiQabsaa’oota dararuun akkuma itti fufetti jira. Aadde #Dhibbashii_Abdiisaa balleessaa tokko malee, Lixa shaggar ona Baakkootti halkan edaa tilmaamaan 3:30pm otoo isaan mana jireenyaa isaanii keessatti irbaata nyaachaa osoo jiranii poolisii fi milishaan humnaan mana bananii ol itti seenuudhaan harmee ijoollee ishe lama wajjiin teessee irbaata nyaattu humnaan fuudhanii bahaniiru.Garam akka geessanis hin baramne. Uummanni Oromoo dirmannaa akka godhaafillee Maddeen SQ dhaamaniiru.
Aadde Dhibbashiin Harmee Jaal Dilbii Mararaati, Dilbii Mararaa nama haga gaafa Wareegamuutti Qabsoo Bilisummaa Oromoof qooda leencaa gumaachedha.
Jaal Dilbii badii tokkoo alatti Sababa ilaalcha isaa qofaaf Xumura 2020 Humnoonni Shiftaa Mootummaa Mana Maatii isaatii baasanii ajjeesanii gatanii deemuun ni yaadatama.
Ammas Harmee Goota kanaa balleessaa tokkoo alatti sababni dararaniif ifaa ta’uu baatullee Sababuma sanaan wal qabachuu kan hin oolle ta’uu maddeen SQtiif dhaamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *