Muddamni Yuunivarsiitii Finfinnee Kiiloo 6 keessatti Mudate Jabaatee itti fufe.
(SQ-Bitootessa 14,2022)
Tibba darbe barattoonni Amaaraa mooraa Universiitii finfinnee kiiloo 6 keessatti waraqaa arrabsoo sanyummaan barattoota Oromoo arrabsu mooraa keessa facaasuun wal qabatee, barattoonni Oromoo fincila kaasuun hiriira nagaa ba’uun ni yaadatama.
Perezedaantiin mooraa Universiitii finfinnee kiiloo ja’aas rakkoo uumame sanaaf furmaata kennuu dhabuun bitootessa 12,2022 halkan sa’a 4tti barattoonni Amaaraa meeshaa qara qabuu fi dullaa guurratanii doormii barattoota Oromoo caccabsuuf yaalanis barattoonni Oromoo dura dhaabachuun yeroo ofirraa deebisan poolisiin federaalaa barattoota Amaaraa irra goruun reebicha rawwaataniin barattoonni Oromoo hedduun akka miidhaman maddeen SQ nuuf himan.
Walitti bu’iinsi kun itti fufuun Bitooteeea 13,2022 kaleessa galgala ijollleen Amaaraa Dormii barattoota Oromoo deemuun reebicha raawwachuuf yeroo jedhanitti barattoonni Oromoo ofirraa ittisuu yoo yaalan Poolisiin Federaalaa ammas giddu seenuun dhukkaasa banuun ijoollee Oromoo hedduu reebuun kaanis qabanii hidhuun halkan mana hidhaatti reeba bulan jedhu. Barattoonni miidhaman hedduu ta’uus odeeffanneerra.
Akka barattoonni Oromoo moorichaa jedhanitti Sababa rakkoo nageenyaatiif qobaa deemuun hin danda’amu keessumaa barattoota shamarranii Oromoo ta’anirra miidhaa cimaa fi doorsisa guddaatu ga’a jiras jedhu.
Bulchiinsi Yuunversiitichaa jalaa hanga oliitti leellistoota sirna Nafxaanyaan kan guute yoo ta’u akka walitti bu’iinsi hin uumamneef waantoota walitti bu’iinsaaf sababa ta’an kanneen akka alaabaa lummuxxii qabachuu, naxala alaabaa lummuxxii qabus mooraa keessatti uffaachu hin danda’amu jechuun beeksisa baase ture. haa ta’u malee barattoonni Amaaraa yeroo alaabaa sana qabatan seeraa baase hojiirra olchuu dhabuun Yuunversiiticha dubbiin kun akka babalaatuuf sababa ta’eera jedhu barattoonni.
Haalli Yuunversiitii Finfinnee Kiloo 6 hedduu yaaddessaa yoo ta’u barattoonni Oromoo hedduun miidhamanii yaalallee dhorkama jirus jedhu maddeen keenya.