Magaalaa Gambeelaatti daangaan sa’aatii kaa’ame

Magaalaa Gambeelaatti daangaan sa’aatii kaa’ame

(SQ-Adoolessa 15,2022)

Naanoo Gambeelaa, magaalaa guddoo keessatti daangaan sa’aatii kaa’amu motummaan naannichaa beeksiise.

Naannichi akka beeksiiseetti, daangaa sa’aatii kana kaa’un kan barbaachise haala naannoo Gambeelaa keessatti argamuun wal qabatee ‘‘sochiiwwan seeraan alaa to’achuuf’’ ta’u ibsa waajjirri dhimmoota kominikeeshinii motummaa naannichaa baasee ibseera.

Waxabajjii 7,2014 ALItti Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Waraanni Bilisummaa Gambeelaa Magaalaa Gambeela irratti haleella jabaa rawwaachuun niyaadatama!

Haleellaa WBO fi GLA magaalaa guddoo naannichaa irratti raawwataniin booda, Kamisa Adooleessa 14, 2022 irraa kaasee hojiirra kan oolu daangaa sa’aatii cimaan kaa’amu ibseera.

Kana hordofunis magaalaa Gambeelaa keessa galgala sa’aatii 2 irraa kaasee hanga barii sa’aatii 11:30tti keessa ambulaansiiwwanii fi konkolaataawwan humnootii nageenyaa malee, sochiin namootaafi konkolaataa kamuu dhorkameera. Daangaa sa’aatii magaalaa Gambeelaatti kaa’ame kunis hanga yoom akka turu kan jedhamee hin jiru.

Ittigaafatamaan waajjira Komunikeeshinii akka jedhaniitti, haalli ammaan tana naannicha keessa jiru nagaa ta’u ibsanii, humnootiin nageenyaa naannichaas eegumsa cimaa taasisaa jiraachu dubbatan.

Torban darbe keessa ALI Adooleessa 1, 2014 irraa kaasee naannoo Beenshaangul Gumuzis magaalaa guddoo ishee Asoosaatti daangaa sa’aatii kaa’un ni yaadatama.

Daangaan sa’aatii Beenishaangul Gumuzitti kaa’ame ammo namoota lafoo deemaniifi konkolaataadhaaf sa’aatii garaa garaatu kaa’ame. Haaluma kanaanis konkoolaataan galgala sa’aatii 2 hanga barii 12tti akkasumas namoonni lafoo deeman ammo galgala sa’aatii 3 hanga barii 12tti socha’u hin danda’an.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *