(SQ-Gurraandhala 24,2022)
Hoggannaa Olaanaa ABO jaal Abdii Raggaasaa bakka itti hidhamanii turan, Qajeelcha Poolisii magaalaa Galaan keessaa dhabaman.
Jaal Abdii Raggaasaa Qajeelcha Poolisii magaalaa Galaan keessaa guyyaa lama dura dhabamuu kan himan maatiin, eessatti akka geeffaman Poolisii yoo gaafannu “Qaama duraan adaraa nu bira kaa’etu deebisee fudhate” jechuu malee qabatamaan bakka isaan jiran nubeeksisuu hin dandeenye jedhu.
Jaal Abdii Raggaasaa yeroo adda addaatti manni murtii yakka ittiin himataman irraa bilisa jechuun akka bahan murteessus, Poolisiin Oromiyaa ajaja mana murtiirra tarkaanfachuun seeraan ala aangootti fayyadamee mana hidhaa tokkorraa gara isa kan biraatti jijjiiraa waggaa lamaa oliif hidhaa turseera.
Jaal Abdii Raggaasaa ji’a lamaan dura Kaampii humna addaa Oromiyaa magaalaa Galaan jiru bakka qondaalota ABO biroo waliin itti hidhamanii turan irraa sababa ifa hin taaneen addatti baafamanii Qajeelcha Poolisii magaalaa Galaan keessatti qofaa hidhamanii turan. “Ji’ota lamaan darbaniif Qajeelcha Poolisii itti hidhamanitti maatiinis ta’e namni kamuu dhaqee dubbisuuf dandeenyee turre” kan jedhan miseensi maatii, yeroo ammaa garuu bakka isaan buusan wallallee yaaddoo keessa jirra jedhu.
Akkuma yeroo kaanii isaan gaafachuuf garas dhaqneetu achii isaan dhabnee kan jedhu namni kun, eessa akka geeffaman adda baafachuuf poolisii yoo gaafannu “qaama adaraa nubira ka’atetu deebsee fudhate” jechuun ala, qaamni sun eenyu akka ta’eefi eessatti akka fudhate waan nutti himan hin qaban jedhu. Guyyaa lamaaf bakka adda addaa dhaqanii barbaadaa turanis isaan argachuu akka hin dandeenye himan.
Guyyaa Jaal Abdiin mana hidhichaatii dhabamsiifaman sana, dhaabbileen mirga namoomaa hidhamtoota seeraan ala hidhamanii jiran daawwachuuf beellama qabatanii turuu odeeffannoo qabaachuu kan himan maatiin, Poolisoonni akka jaal Abdiin qaamolee sanaan wal hin argineef isaan miliqsuu akka hin oolle ibsan.