Waraanni Bilxginnaa Weellisaa Abdii Luuluu mana hidha baasun ajjeesse .
(SQ-Bitootessa 15,2022)
Wallisaa Abdii Luuluu kan sirba warraaksaa sirbuun beekamu Bitootessa 10/2022 Godina Addaa Naannawaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu ganda Malkaa Gafarsaa bakka Anfoo jedhamu cinaa Hootela Zaabiidaritti waraana mootummaatiin rukutamuun qabamee .
waraanni Bilxiginnaa guyyoota sadiif mana hidhatti erga hiraarseen booda Bitootessa 14/2022 weellisaa fi qabsa’a Oromoo kan ta’e Abdii Luuluu ajjeesuun reeffa isaa bakkeetti gatu maddeen SQ nuuf himan.
Waraanni Bilxiginnaa namoota ijaa uummataa ta’aan adamsee ajjeessu itti fufeera.