Bilxiginnaan miseensota ABO hidhuu itti fufe.

Bilxiginnaan miseensota ABO hidhuu itti fufe.

(SQ-Fulbaana 17,2022)

Qeerroo Mancaas Hundee Waardiyaa Waajjira Muummee Gullallee kan ture Fulbaana 10, 2022 osoo homaatuu hin bal’eessin mana jireenyaa isaa Burraayyuutii poolisootaan qabamee Waajjira Poolisii Ona 3ffaa Burraayyuutti akka hidhamee jiru oduun bubbulee SBO dhaqqabe ni hubachiisa.

Bifuma wal fakkaatuun miseensotni ABO Sheek Kadir Oliiqaa Burraaayyuu naannoo Kattaatti, b/saa Miliyoon Warqinaa naannoo Askootti hidhattoota PPn qabamanii bakki geeffaman hin baramin jiraachuu maddeen gabaasaniiru.

Baha Shaggar Ona Dugdaa fi Booraatiis miseensota ABO Abbishuu Dagaagaa fi Cinqaa Obsee qaama nageenyaa mootummaa PPn Fulbaana 08, 2022 qabamuun hidhamaniiru.

Erga dhihoo kanaa Godinaalee Oromiyaa fi Naannawa Finfinnee akkasumas Finfinnee dabalatee duulli ukkaamsaa fi hidhaa mootummaa Biltsiginnaan miseensota ABO irratti deemsisamu hammaataa dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *