Yunivarsitii Boongaa Keessaa Barattoonni Oromoo Lakkofsaan 54 Ta’an Oromummaa Isaaniin Yakkamuun ari’aman.
(SQ-Hagayya 1,2022)
Tibba kaana Yunivarsitii Boongaatti Barataan Oromoo tokko fannifamuu sababbeeffachuun gaaffiilee baratoottni Oromoo kaasaniin dhimmi ajjeechaa barataa Oromoo kun akka qulqullaahuuf yaalii taasisanis, Sababuma kanaan barattoota Oromoo Yunivarsitichatti baratanirra dhiibbaan garaagaraa dhaqqabaa jiraachuu maddeen himan.
Akka maddeen dabaluun ibsanitti, dhiibbaalee ilmaan Oromoo irra gessisaa turaniin, nama Afaan Oromoo dubbatu arginaan ni reebu, isin WBO dha jechuun hidhattootaa fi hawaasa naannoo irratti kakaasuun dhiibbaa jabaa irraan gahaa turaniiru.
Haala kanaan, Oromummaa isaaniitiin barattoota Oromoo yakkuun, sobaan waan isaan hin qabneen isin WBO waliin hidhata qabdu jechuun Barattoota 54 mana barnootaa irraa ari’aniiru.
Barattoonni kunniin haqni barataa fannifamee argamee akka ba’uuf gaafachuurraan kan hafe badiin raawwatan tokkollee akka hin turre himu maddeen.
Haalli Yunivarsiticha keessatti mul’atu akkaan yaaddessaa ta’uun walqabatee barattoonni Oromoo biroonis gariin dhokatanii jiraachuu, gariin ammoo baqatanii gara maatii ofiitti deebi’uuf yaalaa jiraachuu himu maddeen.
“Barataan Kamisa ganama fannifamee argame harka namaatiin akka ajjeefametti hubanna, taateen Kun raawwatamuun dura haalli turee fi akkaataan reenfi barataa kanaa itti argame shakkii nutti uumeera” Kan jedhan barattoonni, taateen Kun mudachuun dura walitti bu’iinsi barattoota waliin akka turee fi ijoollee Afaan Oromoo dubbatan irratti reebichi raawwatamaa akka tures argineerra jechuun kanneen ijaan argan SQtti himan.
Yunivarsiitichi waa’ee ajjeechaa barataa kanaa qoratee qulqulleessuurra, isaan dhimmisaa nuuf haa qulqullaa’u jedhanii gaafatan irratti tarkaanfii hin malle fudhachuu filateera kan jedhan barattoonni Oromoo Yunivarsiitichaa, miidhaa addatti isaan mudataa jiru kanaan gadduu ibsaniiru.