HD ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Dura taa’aan KFO Pr Maraaraa Guddinaa

HD ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Dura taa’aan KFO Pr Maraaraa Guddinaa Hayyat Regency Hotel magaalaa Finfinnee tti argamutti argamuun Mootummaa Ameeriikaa tti jiila bakka bu’oota dipoomaasii gaanfa Afriikaa Kan ta’an waliin Marii geggeessan.
======================================
Hayyu Duree ABO fi Dura ta’aan KFO Profeesser Mararaa Guddinaa Guyyaa Har’aa kana waaree booda sa’aa 4 irraa hanga sa’aa 5:30 tti, bu’uura bellama imbaasii biyya Ameeriikaa magaalaa Finfinnee qindeesseen Hayyat Regency Hotel itti argamuun mootummaa Ameeriikaatti bakka bu’aa addaa dhimma Diploomaasii gaanfa Afriikaa Kan ta’an kan yeroo ammaa jiila isaanii waliin Itoophiyaa daawwatan jiran Mr Mike Hammer waliin dhimma biyyatti fi ajandaa garaagaraa irratti Marii bal’aa geeggeessanii jiru . Marii kana irrattis Jiila diploomaatii gaanfa Afriikaa kana dabalatee Ms Valerie Parry imbaasii Ameeriikaa Itoophiyaa argamutti diploomaatii fi gaafatamtuu dhimma siyaasaa fi dinagdee akkasumaas “state department “ Ameeriikaa tti gaafatamummaa Kan qabduu qooda fudhattee jirti.
Marii yeroo dheeraa godhame Kanaan hoggantoonni paartiilee lachuu dhimmoota jajjaboo ta’an irratti Lolaa fi Nageenyaa, dinagdee, Marii Siyaasaa waliigalaa, hidhamtoota siyaasaa fi addatti Haala Oromiyaa keessaa, haala Haasawa Nagaa hammatu irratti Marii godhame jira. Kanaan wal maddittis dhiibbaa addatti paartiilee kanneen kana irratti paartii aangoo qabatee biyya bulchaa jiruun godhamaa jiru dhabbatuu qaba Kan jedhus ijoo marii kanaa ture . Haal duree tokko malees Hidhamtootni Siyaasaa hiikamuu,Mootummaan Lola kallattii garaagaraan geggessaa jiru dhaabuu ,Wajjirootni Partilee cufaman banamuu fi Paariileen siyaasaa Kun Sochii bilisaan akka taasisan karaa jiraachuu akka qabus gafataniiru.
Hoggantoonni ABO fi KFO nagaa waaraa Oromiyaa fi biyyatti waliigalaa keessatti fiduun Kan danda’amu humnaan akka itti paartii biyya bulchu godhaa jiru osoo hin taane nagaa bu’ee karaa nagaan Marii hunda hammataan rakkoon Siyaasaa bu’uura ta’ee deebi’i argate qofaa dha jechuunis hubachiisan. Keessattu marii biyyooleessaa jechuu akka nagaa barbaadutti fakkessee paartii biyya bulchu ABO fi KFO qophxeessuu dhaan sochiin godhamu bu’aa kan hin fidne ta’uu akka hawaasni addunya hubatuu jechuun kaasan.
Diploomaatonni kunis nagaa gaanfa Afriikaa , biyyaa Itoophiyaas ta’ee addatti Oromiyaa keessatti dhaleessuuf shoorri paartiileen Kun qaban himuun gama isaaniin nagaan akka bu’ee lammileen nagaan jiraataniif waan irraa eegamu kan godhan ta’uus himanii jiru . ABO fi KFOn Miseensonni isaanii danuun hidhaatti gidirfamaa sochii dhorkamanis akka jaarmiyaatti hojiilee gurguddoo mirga ummata qabsa’aniif hojjeechaa jiraachuu kan himan hoggantooti kun Gama isaaniin gaaffii sabni Oromoo fi lammileen biyyatti qaban karaa nagaa akka furmaata argatan Qaama kam waliinuu akka hojjechuuf Qophii akka ta’anii fi falli tokkich biyyatti daandii nagaatti geessu Marii Siyaasaa hundaa hammate qofaa akka ta’ee dhammachuun marii isaanii golabataniiru.
Madda : sabqunnamtii ABO irraa
Finfinnee, Adooleessa 29/2022

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *