Wallaggaa Lixaa Begiifi Haaruutti haleellaa humni qileensaa Bilxiginnaa raawwateen lubbuun namoota nagaa darbe.
(SQ-Sadaasa 24,2022)
https://t.me/hordofaa
https://chat.whatsapp.com/LAzVHa4HqhsCccRHuz6sBB
Kutaalee Oromiyaa adda adda keesaatti Mootummaan Bilxiginnaa maqaa waraana Bilisummaa Oromoon rukuta jedhuun haleellaa xiyyaara raawwachaa jiruun lubbuu lammiilee Oromiyaa galaafacha jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa turuun keenya niyaadatama.
Haala kanaan Sadaasa 23, 2022 Godina Wallagga Lixaa aanaa Begii ganda Lophii jedhamutti haleella Xiyyaara humni qilleensaa PP uummata nagaa irratti fudhateen lubbuun namoota darbuufi qabeenyi manca’uu odeessi nuqaqqabe ifa godha. Hanga oduu kana qindeessinetti haleella Begiitti raawwate kanaan namnni meeqa akka du’ee fi madaa’ee adda baafachuu hin dandeenye.
Sadaasa 20, 2022 Aanaa Begii ganduma Lophii jedhamutti haleella xayyaaraa PPn raawwateen namoota 5 ajjeesuun ni yaadatama.
Oduudhuma wal fakkaatuun Sadaasa 22, 2022 Godina Wallagga Lixaa aanaa Haaruuttis. haleellaa xiyyaaraa PP’n raawwateen namootni nagaa 3 ajjeefamamiiru.