Komiishiniin Poolisii Oromiyaa Hogganootaa fi Qondaalota ABO mana Murtii tti osoo hin dhiheesin hambise.

Komiishiniin Poolisii Oromiyaa Hogganootaa fi Qondaalota ABO mana Murtii tti osoo hin dhiheesin hambise.

(SQ- Waxabajjii 22,2022)

Hogganootnii fi Qondaalotni ABO Mana Hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman Waxabajjii 22,2022 guyyaa har’aatti mana murtii Buraayyuu Ona 3ffaatti dhihaachuun kan irra ture, Komiishiniin Poolisii Oromiyaa fi Abbaan Alangaa osoo hin dhiheessin hambisanii jiran.

Waan kana ta’eef, Komiishiniin Poolisii Oromiyaa fi Abbaan Alangaa Adoolessa 04,2022 ykn ALItti 27/10/2014tti dhaddachatti dhiheessanii namoota kana irratti himata qabu yoo ta’e dhihaatanii akka ibsan Manni Murtii Ajaja dabarsee jira.

Hogganootnii fi Qondaalotni ABO Mana Hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman:
J/Abdii Raggaasaa
J/Mikaa’el Booran
J/Kennasaa Ayyaanaa
J/Gadaa Gabbisaa
J/Lammii Beenyaa
J/Dr.Gadaa Oljirraa fi
J/Daawit Abdataa faa dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *