USAn Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa of baasuuf jedhame

Amerikaan miseensummaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa baโ€™uuf karoora qopheessaa akka jirtu Tiraamp himan.

Murteen Tiraamp hojiirra yoo oole dhaabbata Fayyaa Addunyaa irratti dhiibbaa uumuu akka danda’u ogeeyyiin himaa jiru.

Miseensonni garee ceโ€™umsaa pirezidaantii Ameerikaa filatamanii Doonaald Tiraamp Ameerikaa miseensummaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa baasuuf karoora qopheessaa akka jiran ibsamee jira.

Rooyitars maddeen irraa argaedhe jedhee akka gabaasetti, murteewwan poolisii ijoo pirezidaanti Tiraamp guyyaa jalqabaa aangoo qabatan murteen dabarsan keessaa tokko ๐Ÿ‡บ๐Ÿ‡ธ USAn Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa bahuu akka taโ€™e ni amanama jedheera.

Bulchiinsa isaanii haaraa keessatti pirezidaantiin Donald Tiraamp kun qondaaltota fayyaa hawaasaa kanneen Dhaabbata Fayyaa Addunyaa cimsanii qeequun beekaman , kanneen akkaย  Roobart F. Keeneedii Jr. dabalatee kanneen biroo muudee jira.

Tiraamp bara hojii isaanii isa jalqabaa keessatti waggaa tokkoof dhaabbaticha keessaa baโ€™uuf adeemsa irra kan turan yoo taโ€™u, murteen kun bulchiinsa Joo Baayideniin haqamee turuun ni yaadatama.

Yeroo sanatti dhaabbatichi sababaย  weerara Covid-19tiin Chaayinaa komachuuf fedhii hin qabu ture. ”Dhaabbanni Fayyaa Addunyaaย  Ashaangullitii Chaayinaati” jechuun irra deddeebiin Tiraampiin qeeqamaa tureera.

Torban muraasa dura, daayreektarri olaanaa dhaabbatichaa Dr. Tiyoodor Adhanom ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin waaโ€™ee doorsisa Tiraamp dhaabbaticha keessaa akka baโ€™an gaafatamanii turan. Ameerikaan ce’umsa bulchiinsaa keessa waan jirtuuf yeroo barbaaddi jechuun deebii kennaniiru.

Daarektarri kun, “bulchiinsi Tiraamp komii dhaabbatichi kaase irratti taa’ee akka dubbannu carraa nuuf kenna jennee amanna” jedhan.

Ogeeyyiin fayyaa adda addaa Rooyitars gaaffiifi deebii taasise akka jedhanitti, Ameerikaan bahuun ishee dandeettii dhaabbatichaa ni laaffisa jechuun yaada isaanii kennaniiru.

Haa taโ€™u malee, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qaawwa Ameerikaan dhimma talaallii fi toโ€™annoo weerara idil-addunyaa irratti qabdu guutuuf gara Chaayinaatti yoo jilbeeffate ykn gore dhiibbaa Waashingitan addunyaa irratti dhimma fayyaa irratti qabdu irratti dhiibbaa uumuu dandaโ€™a jedhan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *