Ukkaamsaan Dr.Abiyyi Ahimad fuula ifaan kan deeggaramedha‼️
Waajirri Muummee ABO kan Gullalleetti argamu erga ugguramee waggaa 4 fi walakkaa taheera.
Mootummaan Abbaa Irree Abiyyiin hogganamu karoora dhaaba ABO dadhabsiisuu jedhu qabateen akka dhaabichi hin sochoonee fi Hogganni dhaabichaa Ummataan ifatti wal hin quunnamneef Adoolessa 2012 irraa eegalee waajjira Muummee ABO Gullallee humnoota waraanaan uggursiisuun hanga har’aa komishinii poolisii Finfinneen cufamee jira. Kun kan tahe ajaja MM Abiyyi Ahimediin.
MM Abiyyi Ahimed dhaabni Ummata Oromoo inni guddaa fi hangafti ABOn ummata Oromoo waliin akka barbaadetti wal quunnamee hin mariiyanneef balbala bal’aa cufus kaayyoo fi Akeekni ABO jiraachuu Ummata Oromoo fi Oromiyaa har’aaf wabii waan taheef hulaa dhiphaan qabsicha finiinsaatti jiru.
Abiyyi Ahimed waajjira Muummee ABO Gullallee cufsiisuun dura Hoggantootaa fi Qondaaltota ABO kaayyichatti cichoomina qaban manneen hidhaatti ugguruun HD ABO Jaal Daawud Ibsaa hidhaa dhaabbii mana keessatti ugguruun quunnamtii isaanii adda ciruun bilbiloota harkaa isaanii halkan mana itti cabsanii humnootiin tikaa saamuun odeessa akka hin arganne erga taasisanii booda namoota dantaa dhuunfaaf jiraatan immoo of jala hiriirsuun isintu ABOdha jechuun diraamaa hojjetus qaruuxummaa Qeerroowwanii fi qabsaa’ota kaayyichatti cichaniin ergamni MM Abiyyi Ahimed fashale.
MM Abiyyi Ahimed akkuma barame ukkaamsaa fuula ifaan raawwatu itti fufuun ummata Oromoo kaayyoo ABOtti cichanii Galma gahumsa isaaf qabsaa’an qonnaan bulaa hanga hayyootaatti hidhaa fi ajjeechaan biyya irraa akka baqatan taasisaa bakka amma jirru gahee jira.
Abbaa irrummaan fuula ifaan deeggarame kan Abiyyi Ahimed yeroo ammaa saaxilamaa jira.
Kan Oromoo ykn mootummaa jijjiiramaati kan ofiin jedhu mootummaan muummicha
ministeeraa Dr.Abiyyi Ahimad erga gara aangootti dhufee duuti ummata Keenya Oromoo irratti raawwatamu dachaan dabale.
Uummanni keenya har‟as akkuma bara ABUT bilisummaa fi nageenya akka dheebotetti jira. Ummatni Oromoo har’a Baay‟ee beela‟eera. Kan mul‟atu hundi sobadha. Kan fakkeessummaati.
Siyaasa suura ka’uuti.
Mootummaan Abbaa Irree Abiyyi qabsoo karaa Nagaatti balbala cufee dhalootni akka qabsoo hidhannootti cichaniif xurree saaqe.
Har’a dhalootni gateettiitti qawwee baatee bosonaa sirna Abbaa Irree Afaan qawween aangoo irra jiru lolaa jiru jaallatee ykn filatee osoo hin taane daandiin qabsoo karaa nagaa hulaan isaa cufamnaan dhiibamee qawwee kaasuu filannoo taasifate.
ABOn har’a waajjira Muummee kan Finfinnee Gullallee dabalatee wajjirrootni isaa hundi cufaadha.
Bakka qabsoon karaa nagaa balballi isaa cufatetti dhalootni qawwee filannoo godhate malee jaallatee miti.
ABOn Ummata Oromoof wabii jireenyaa, Ibsituu dukkanaa,Calaqqistuu eenyummaa Oromummaati malee dhaaba siyaasaa qofaa miti.
Ummatni Oromoos kanaaf “ABOn uummata Oromoo biratti carraa filannoo isa dhumaati malee aangoo fi mo‟icha dirree lolaan kan madaalamu miti.”jechuun kan jala masakamu.
Sochiin ABO rakkoo baay‟een kan qoramee fi jiddu galeessa qabsoo isaa kan ta‟e uummata Oromoo irra rakkoon gahe akkuma salphaatti kan ilaalamu miti. Milkaa‟inni ABO fi bu‟aan cululuqaa isaa akkasumaan akka tasaa kan dhufan miti.
Har’as waajjirri ABO cufamus ummatni Oromoo waajjira isaa Sammuu isaa keessatti godhachuun kaayyichatti cichuun daandii argametti fayyadamuun qabsicha gaggeessaa jira.
Mootummaan Abbaa Irree Abiyyi hanguma ABOtti balbala cufaa daandii qabsoo karaa nagaa itti cufaa deemu kufaatii isaa ofitti saffisiisaa akka deemu ykn jiru eenyu duraa kan dhokate miti.
ABOn har’a Gaggeessitoota ykn Qondaaltota isaan qofa hin madaalamu . ABOn warra kaayyichatti cichanii jala hiriiraniin masakamee dhiiga jaallan dhangala’ee irra tarkaanfatanii lafee jaallan wareegamanii riqicha qabsoo godhatanii warra Akeeka wareegamtootaa Galma geesisuuf cichanii jirantu ABO duuba jira waan taheef dhaabichi akka mootummaan Abbaa Irree Abiyyi yaade kan badu miti .
ABO dhabamsiisuun Ummata Oromoo dhabamsiisuu jechuun dhalootichi du’a filannoo dhumaa godhachuun kaayyicha hanga galma geesisu wareegama irraa homtuu nun deebisu jechuun qabsootti jira.
Waraansa Fuula Ifaan deeggarameen Waajjira ABO cufanii ummata Oromoo ajjeesaa miidiyaan misooma odeessuun nagaa maayii hin fidu kufaatii Abbaa Irrummaa xumuratti fida malee.
Mootummaan Nagaa dursa kennu daandii nagaa banaa taasisa.
Abiyyi Ahimedis Nagaan Afaaniin osoo hin taane gochaan dhufa waan taheef waajjira ABO dhaabichaafis Ummata Oromoofis banaa akka tahu poolisii eegsisaa jirtu kaasi,Ummata maqaa ABOn mana hidhaatti dararamaa jiru sababa kaayyichatti cichaniif qofa hidhaa jiran hiiki xurree nagaa asii ka’aan dhaamsa keenya.