Hoggantootni fi Qondaaloti ABO mana hidhaa Burraayyuu keessaa ebla 18/2023 baafaman eessa akka geeffaman dhabaman.
Ebla20/2023
Ukkaamfamuu hogganootaa fi qondaalota ABO mana hidhaa Burraayyuu turan ilaalchisee
Hidhaamtoota siyaasaa fi hogganoota ABO mana hidhaa qajeelcha poolisii magaalaa Buraayyuu jiran haala isaan irra jiran qorachuuf Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ebla 18/2023 koree tokko kan deemee mana hidhaa kana daawwatu hundeessee ture. Koreen kun gama ABO irraa Hayyy Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa fi sab-quunnamtii Ummataa lammii Gammachuu yoo tahan gama KFO irraa obbo Xurunee Gamtaa keessatti kan argaman ture.
Koreen kun guyyaa har’aa (Ebla 20/2023) deemanii hidhamtoota kana akka dubbisan murtaa’ee ganama ka’anii bakka isaan dura turan mana hidhaa Buraayyuu deemanii yoo gaafatan akka achi hin jirree fi dhimma isaanii qaamni isaan dubbise akka haaraa tahe eereef akka isaan if duuba deebi’an taasifame.
Ebla18/2023 irraa eegalee hogganootaafi qondaalonni ABO mana hidhaa jiran kun eessa akka geeffaman hin beekaman maatii fi jaallan isaanii akkasumas dhaabni isaanii barbaadan illee argachuu hin dandeenye.
Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa dabalatee Koreen boordiin filannoo hundeesse kan miseensonni boordichaa keessatti argaman qajeelcha poolisii magaalaa Buraayyuu wayita deemanitti guyyaa har’aa hidhamtoota dubbisuuf waajjira qajeelcha poolisii gaafatanii akkuma ol seenaniin hogganaan qajeelcha poolisii magaalaa Buraayyuu walga’ii akka deeme itti himamuun qorataan yakkaa kan isaan dubbise ofiifuu haaraa ta’uusaa itti himee beellama koreen kun hidhamtoota siyaasaa kanneen jedhaman kana akka quba hin qabne erga isaanif ibsee booda hidhamtoota kana dubbisuuf koreen imala bakka isaan jiru dhabuun furmaata tokko malee ofirra deebi’eera.
Haga ammaatti hogganoonniifi qondaalonni ABO mana hidhaa Buraayyuu jiran eessa akka jiran hin beekamu.
Maddi :Lammii Gammachuu itti gaafatamaa sabquunnamtii Ummataa ABO