Qaamni wal dhabe dursee Araarri maal akka tahe beekuu qaba.

Qaamni wal dhabe tokko Araara dursee araarri maal akka tahe beekuun murteessaadha.
Kana males humna ofii fi humna wolii sirriitti adda baasanii madaalanii ilaaluun dirqama.

Tokkooffaa araara ykn marii araaraa jechuun hanga waan tokko hojjetattee kaatutti haalli akka tasgabbaa’uuf barbaadde yoo tahe kun araara hin jedhamu.
Warri teessoo hoowwifatee bare maqaa araaraa tooftaa godhatanii umrii teessoo irra turuu dheereffachuu barbaadu.
Kun tooftaa dulloomaa Mootummootni dabran bara dheeraaf itti gargaaramaa turanidha waan taheef amma jaarraa kana keessa maqaa araaraa tooftaa godhadheen Shira biraa raawwadha jedhanii yaaduun gowwummaadha ykn akkuman gubbaatti tuquuf yaaletti humna ofii madaaluu fi beekuu dhabuudha.

Humnootas tahee tooftaaleen Mootummoota kaleessaa bakka kaleessaa sana hin jiruu jiraatus har’a hin hojjetu hojjechuus hin danda’u.
Sababni isaas jaarraan har’a keessa jirru jaarraa dhaloonni gama hundaan dammaqee fi tooftaalee kaleessaatiin hedduu miidhamee argee dabreedha waan taheef Sobee Sossobeen tooftaa irratti dalagee teessoo irra tura jechuun gonkumaa waan danda’amu miti kana jala muranii beekuun dirqama taha.

Lammaffaan humni koo akkuma kaleessaa na waliin dhaabbata ykn humnichi akkuma kaleessaa baayyina qabaa fi jabina qaba waanan fedhen ittiin gochuu dandaha jedhanii yoo kan yaadan tahe humnichi bakka sana hin jiru kun waan walumaan argaa jirruudha.
Ammas qaama waliin araaramuuf jettu humnasaa akkuma kaleessaa xiqqoodha baayyee miti Shiruma Salphaanin Cabsuu danda’a yoo kan jedhamu tahe inni abjuu osoo hin rafiin namatti mul’attuudha ishee qaajjoo jedhan sana.

Walumaa galatti araara buusuuf dura araarri maal akka tahe sirriitti hubachuu ykn dandeettii ofii fi walii beekuun barbaachisaa qofa osoo hin taane murteessaadha.
Qaamni kamuu dhaloota ammaa kana Shiraan gadi qabee bulchuu akka hin dandeenye sirriitti hubatanii nagaa waaraa biyya kanaa fiduuf qaama dhimmi ilaalu hunda waliin Sirnaan irratti hojjechuutu dirqama jedheen yaada kiyya gara goolabaa irratti Empaayerri Lammiilee keenya miidhaa fi dhiittaa hamaa irraan gahaa ture marii araaraa kamiinuu kan utubamu osoo hin taane caccabee badee biyya Lammiilee isaatiif gaaddisa tahu ijaarrachuutu nu baasaan dhaamsa kiyya xumuraati .
Jaal Gaashuu Lammeessaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *