Qabsoon Sabaa fi biyyaaf malee jireenya dhuunfaa itti jiraachuuf miti

Qabsoon warra haqa falmatuun malee warra garaa guddifachuuf ykn beekamtii argachuuf carraaquun galman gahu.
Yeroo hundeeffama ABO waggaa 50ffaa ykn walakkaa Jaarraa tokkoo kabajannu qabsaa’ota keenya bara dukkanaa qabsoo Oromoo bakka amma jiru kana geesisuuf aarsaa tahan itti yaadannee isaaniin dhaadanna. Jiraachuun keenya har’aa warra ofii baqee nuun nu jiraachisetu wabiidha. Qabsaa’ota Qabsoo Oromoof manaa bahanii qabsoo bahaniif kufan hedduun kufanii hafteen rasaasaas ammas qabsootti jiru. Suuraan armaan Gadii kun qabsaa’ota waggaa 25 dura mooraa qabsoo itichaa turanidha Warri taa’anii jiran bitaa gara mirgaatti
1, jaal Laggasaa wagii(Goota dirree lolaa)
2, ……???
3, Jaal Kennasaa Ayyaanaa
4, jaal Jabeessaa
5, jaal Booresssaa
6, Jaal Iddoosaa
7, jaal Abbaa Malkaa
8, (Taarikuu??)maqaa isaa yoo dogoggoreef dhiifama jechaa garuu itti gaafatama mooraa Hakiimaa ykn yaalaa ABO bara sanaa akka tahe mirkaneeffadheera.
Warri dhaabbatanii jiranis bitaa irraa gara mirgaatti
1, jaal Milkeessaa
2, jaal Xaafaa
3,…..??
4, jaal Waggaarii
5, jaal Gurmuu
6, jaal Gaashuu Lammeessaa
7, jaal Kumarraa
8, ……??
9, jaal Malaakuu yoo jedhaman gariin isaanii dirqama qabsoon gaafattuun yoo wareegaman gariin isaanii ammallee Irbuu jaallan biraa wareegamanii waliin qabsoo hadhooftuutti jiru.
Nuyis dhalootni har’aa Guyyaa kana qabsaa’ota akka kanaa fi kanneen biroo yaadachaa kanneen mana hidhaatti dararamaa jiran yaadachaa hundeeffama ABO kabajachuu qabna.
Suuraan bara 1998 Bakka Dirree dhihaa
Jaallan kun yeroo sanatti dirqama hoggana dhaabaa warra qaban ture.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *