Poolisiin Qr barbaachaaf nama Nagaa qabee hidhee Qr yoo fudhate lakkisa

Ati ‘harka jiidhaatiin nu qabachuu diddee’ hidhamte naan jedhan-Jiraataa magaalaa Shaggar
June 7, 2023
Magaalaan Shaggar magaalota naannoo Finfinnee kanaan dura Godiina Addaa Naannawa Finfinnee jedhamu walitti qabuun baruma kana kan hundaa’edha.
Kaayyoo hundeeffama magaalichaa keessaa misoomaafi jireenya hawaasa magaalichaa hawwataa gochuu kan jedhu tokkoodha. Magaalli kun kutaalee magaalaafi aanaalee garaa garaa of jalatti diriirsun waajjira muummee isaa magaala Finfinnee godhachuun hojiitti seenera.
Haata’u garuu saamichi, doorsisniifi murtee seeraa malee mana hidhaa namaa kaa’uun baramaa dhufuu jiraattonni BBCtti himan.
Gochaan kun ammoo addumatti qaamolee nageenya: poolisii, milishaa, qorattoota yakkaafi qaamolee tikaatin kan raawwatu akka ta’e himatu jirattoonni.
Jiraattonni BBCn dubbise kunneen nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii jijjiirameera.
Buraayyuu keessa waggoota 15 oliif kan jiraate Nagaasan, qaamolee nageenyan qabamee si’a lama qarshii kaffalee mana hidhaatii akka bahe BBCtti hime.
Magaala Shaggar naannnoo Dirree jedhamuun beekamutti baruma kana ji’a Sadaasaa keessa humna poolisiin qabamee mana hidhaatti akka geeffame dubbata.
“Ji’a Sadaasaa gaafa 12 naannoo Dirree jedhamutti bakka jireenya kootii na qaban. Tibba sana balaan konkolaataa na mudatee ture. Anaa mana yaalaa seenudhaa jedhuu natti marsanii na qaban,” jedha Nagaasan.
Jalqaba milishaan naannoo sanaa dhufee akka barbaadamu kan dubbatu jiraatan kun, boodarra poolisoonni konkolaataa paatoroolin fuudhanii gara waajjira poolisii Aanaa Sadaffaa jedhamuun beekamutti akka isa geessan dubbata.
“Ji’a lamaafi torban lama na hidhanii gadi na lakkisan,” jechuun baleessaa tokko malee hidhamee akka tureefi maallaqa kaffalee bahu dubbata.
“Gaafan bahu kuma digdama kaffaleen bahe; kuma kudhan ammoo ergan baheen kaffale,” jechuun walumaa galatti birrii 30,000 kaffaluun mana hidhaatii bahuu dubbata.
Qaamoleen nageenyaa kanneen akka poolisii, humnoota tikaa fa’aa gochaa kanarratti kan hirmaatan ta’anis heddumminaan kan irratti bobba’e milishoota akka ta’an hima.
“Qaamoleen nageenyaa wal-ta’anii nama nagaa qabanii hidhanii maallaqa kaffalchiisuu hojiidhuma idilee godhatan. Namni yakka godhe kamiyyuu qabamee yoo itti gaafatame isa kana nullee hin morminu. Garuu, saniin ala wanti kun ta’aa kan jiru,” jedha Gamtaan.
Gamtaan hojjataa mootummaa yoo ta’u, osoo hojiidhaa bahee galaa jiruu ji’oota muraasa dura Buraayyutti humna nageenyan to’atamuu hima.
Jiraattonni BBCn dubbise hundi isaanii yeroo qabamanii mana hidhaa turanitti mana murtiitti himanni akka irratti hin dhiyaannefi qarshii kaffalanii akka bahan dubbatu.
Rabbiirraan magaala Shaggar keessatti hojii mataa isaa qaba. Nageenya isaaf jecha kutaa magaala kam keessa akka jiraatu akka hin ibsineef kan gaafate yoo ta’u, bakka hojii isaatii qaamolee nageenyan qabamee hidhamuu dubbata.
Erga hidhameen booda qarshii 100,000 kaffalee akka bahu itti himamus kaffaluu diduu isaatin ji’a afur akka hidhame hime.
Rabbirraan erga qabamee wajjiira poolisii geeffamee booda qarshii 100,000 gaafatame kaffaluu didus himanne irratti dhiyaatee mana murtiitti akka hin dhiyaanne dubbata.
“[Sodaattee kaffaltee akka baatu si godhu. Shugguxii nagadda, Shaneedha jedhanii maqaa namarra kaa’u. Yo kaffaluu baatte Abbaa Torbee leenjifte siin jedhu. Garuu ragaan dhiyeessan tokko hin jiru.
Qarshii isaan na gaafatan kaffaluu dinnaan qabeenya koo dhaqanii fuudhan kan jedhu jiraataan kun, inni kaffaluu dinnaan leenjii jedhanii gara Awaash geessun achitti akka isa hidhan dubbata.
Hojiin dhuunfaa inni hojjatu waan nageenya mootummaas ta’ee kan uummataaf yaaddoo homaa hin qabne kan ibsu Rabbirraan, qarshii qaba jedhanii nama yaadan bifa kanaan maqaa irra kaa’anii akka qarshii kaffalee mana hidhaa bahu godhu jedha.
Erga hidhamee deebi’een booda, “Ati harka jiidhaadhaan nu qabachuu diddee hidhamte naan jedhan” jedhe. “Harka jiidhaan qabachuu” jechuun qarshii kennuu jechuu akka ta’e hima.

“Namni isaan [qaamolee nageenyaa] irratti qorannoo gaggeessu osoo jiraatee baay’en isaanii miliyeenaroota. Sababni isaa namoota heddutu guyyaatti hidhamee qarshii kaffalee baha waan ta’eef,” jechuun waan taajjabe dubbata.
Gaafa waajjira poolisiitti geessan “ati magaala keessa teessee Shaneedhaf loojistikii dhiyeessita” jechuun akka qorannaa irratti gaggeessan kan himu Nagaasan, “Mana-murtiitti nu dhiyeessaa jennee gaafannus, manni-murtii aangoo nurratti hin qabu, akka barbaanne isin goona jedhanii,” akka doorsisan hima.
“Jalqaba akkuma nu geessaniin guyyaa sadiif nyaata malee nu bulchan. Ijoolleen umuriin hin geenye kan qophee qulqulleessaniifi hojii humnaa hojjatanis nu keessa turan,” jedha.
Mootummaa himannaa dhiyaateerratti maal jedhe?
Addumatti namuusaan wal-qabatee yeroo yeroon itti dhiyeenyaan hordoffii ni taasifna,” jechuun namoonni dhuunfanis ta’ee gareen akka komii isaanii hin dhiyeeffanne BBCtti himan.
Namoonni qaamolee nageenyaan balleessa keenya malee hidhamnee qarshii kaffallee baana jedhan ammoo, komii keenya akka hin dhiyeeffanneef “gaafa mana hidhaatii birrii kaffallee baane akka odeeffannicha hin baasne akeekkachiisa cimaatu nutti kennama” jedhu.
Komaandar Leenjisoon garuu namoonni eenyummaa isaanii osoo hin ibsatiin dhoksaadhan qaama nageenyaa yakka akkasii irratti raawwate saaxiluuf malli akka jiru dubbatu.
“Namni kamiyyuu qaamaan dhufee anas ta’e qaamolee biroo dubbisuun eeruu nuuf kennuu ni danda’u,” jechuun bifa kanaan poolisiin tarkaanfin namuusaafi hidhaan irratti murtaa’e akka jiru himan.
Bifuma wal-fakkaatun naannoo ‘Ashawaa Meedaa’ jedhamuun beekamutti qaamoleen nageenyaa nama qabanii maallaqa gaafachuufi hiraarsaa isaan uummata irraan gahan irraa kan ka’e maqaa “Bermuudaa” jedhamuun beekama.
Osoo magaalli Shaggar hin hundaa’inirraa kaasee waajjirri poolisii Buraayyuu Aanaa 3ffaa jedhamuun beekamu lafa reebichi, daraaraafi osoo mana hidhaatti hin dhiyeessin namoonni yeroo dheeraaf itti hidhaman jedhamuun hamatama.
Namoonni BBCn dubbise kunneenis hedduunsaanii waajjira poolisii kanatti torban lamaaf erga hidhamanii booda reebichi hamaan akka irra gahaa tureefi sana booda gara Awaash geeffamuu dubbatu.
Komaandar Leenjisoon garuu waa’ee hiraarsaafi nama hidhanii maallaqa gaafachuu qaamoleen nageenya wajjira kanatti raawwatan quba akka hin qabne dubbatu.
Gamtaan mana hidhaa magaala Shaggarii osoo gara Awaash hin geeffamin dura namoonni isa waliin mana hidhaa keessa turan kanneen qarshii qaban ykn nama kaffaluuf qaban yeroo namni isaan gaafachuu dhufu hanga qarshii gaafatamanii itti himatanii isaan dhufanii kaffaluun akka bahaa turan hima.
“Erga Awaash na geessanii ji’a tokko hidhamee booda waajjirri koo hojjataa keenya maaliif nu jalaa qabdan jedhee xalayaa barreessinaan booda na baasan,” jedha.
Osoo gaafa qabamtu sana birrii kennitee ni baataa? gaaffii jedhuuf Gamtaan, “Eyyee dhugaadha inuman baha. Osoon gaafa sana birriidhuma xiqqoo isheellee kennee akkan bahu shakkii hin qabu. Namoonni biraa qarshii kaffalanii bahaa turan. Qarshii kaffallee bahaa jirra nuun jechaa turan.”
“Nama nagaa hojii isaa hojjatatu karaarraa qabanii sababa itti barbaadanii birrii irraa fudhachuu jechuun qaanii guddaadha. Ani warri kun mootummaaf hojjatus hin jedhu. Garee kiraa sassabdotaa wayiitu hojii isaanii godhatee akkana godha,” jedha.
Nagaasan gaafa hidhamu sana qarshii namni itti kennate qarshii 30,000 wajjin qabamee ture. “Sanarraa ka’uun kunoo Shaneedhaaf qarshii erguuf jetta je dhanii qarshii sana narraa fuudhan. Erga qarshii kaffalee baheen booda qarshii namaa gaafa na qaban narkaa fuudhan gaafannaan miilli kee lammata akka as hin dhaabanne jedhanii na hari’an,” jedha.
Si’a heddu deddeebi’ee qarshii gaafas harkaa fudhatameefi bilbila isaa gaafatus argachuu akka hin dandeenyeefi abbaan qarshii sanaa ‘kokkee isa qabee’ akka jiru BBCtti hime.

‘Erga baanees doorsisni nu biraa hin hafne’
Rabbirraanis erga mana hidhaatii baheellee hordofamaafi bilbilaan sodaachifamaa jiraachuu dubbata.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ibsa tibba kana baaseen, Itoophiyaatti gochi humnoonni mootummaa namoota ukkaamsanii miliqsuun yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeera jechuun hatattamaan akka dhaabbatuuf gaafateera.
Yeroo baayyee namoonni qaamota uffata siviliifi danbii uffataniin ajaja mana-murtii malee qabamu kan jedhe Komishinichi, gochi akkasii kun, keessumaa magaalaa Finfinnee, naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti akka mudatu ibseera.
Namoonni gocha kanaaf saxilaman manneen jireenyaa isaanii, bakka hojii isaaniitii ykn daandii irraa qabamanii erga hidhamanii booda bakka hin beekamne geeffamuun akka dhokfaman Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa himeera.
Komishinichi iyyataafi eeruu isa qaqqaberraa ka’uudhaan hordoffii taasisaa tureen akka hubatetti, namoota dirqamaan miliqfaman keessaa gariin guyyoota, torbanoota ykn ji’ootaan booda kan argaman yoo ta’u, kanneen biroo ammoo eessa akka gahanillee akka hin beekamne ibseera.
Dabalataanis, hangi tokko yeroo qabamanitti yakkaan shakkamanii akka barbaadaman itti himamee gara buufata poolisii idilee erga geeffamanii booda kan miliqfamanidha.
Kanneen biroo ammoo wanti tokkollee osoo itti hin himamiin humnoota nageenyaatiin dirqamaan qabamanii warra miliqfamanidha.

Maddi :BBC Afaan Oromoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *