Ijoo Dubbii Ibsa ABO Hagayya 16/2023

 

๐๐š๐›๐ฌ๐จ๐จ ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ญ๐ข ๐…๐š๐ฅ๐š๐ฑ๐š๐š ๐†๐ฎ๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐Œ๐จ๐จ๐ซ๐š๐š ๐๐š๐›๐ฌ๐จ๐จ ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ (๐๐๐Ž) ๐ƒ๐ข๐ข๐ ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ƒ๐ก๐š๐š๐›๐›๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐๐š๐›๐š.

๐ˆ๐ฃ๐จ๐จ ๐ƒ๐ฎ๐›๐›๐ข๐ข ๐€๐๐Ž – ๐‡๐š๐ ๐š๐ฒ๐ฒ๐š ๐Ÿ๐Ÿ”, ๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ‘

Abukaatoo Impaayira dulloomtee fi bututtee tahuun teessoo caccabaa baraan Impeeriyalistoota jalatti tiksuun, Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) Oromoon ilmaan isaa kumii kitiliin itti gabbaree, ammallee itti duโ€™aa jiru kolaasuun dhaabbachuu qaba.

Oromoon akka sabaatti of ijaaree, wal ijaaree jaarmiyaa siyaasaa akeekaa fi kaayyoo isaa tarkanfachiisaa turee fi jiru jalatti akka hin ijaaramnee fi hooggana-maleessa tahee akka hafu gochuun, hooggana qeenxee Impaayira dulloomte jala mataa suuqqatee teessoo Imeeriyaalistootaa tiksu jala akka hiriiruuf kanneen abukaatoo tahan ergamtoota dantaan macheessee maraachee dha.

Kanneen baraan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo diiguun, qabsoo Oromoo rarraga Bilisummaa fi Walabummaa irra gahe galii isaa hanqisuun, injifannoo ummanni dhiigaa fi lafee ilmaan isaa itti gabbare gatachiisan gantoota mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo, ayyaanlaallattoota dantaaf jiraatan, warra miidhamnii fi mirga dhabuun ummata Oromoo homaa isaanitti hin fakkaannee dha.

Dhiiga ilmaan hiyyeessaa irraan tarkaanfatanii, baraan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo hoongessaa, mooraa Impaayira Itophiyaa gabbisuuf jecha โ€œHiriirri Siyaasaaโ€ isaan bixxiluun dhalchaa oolan baabura qabsoo Oromoo fudhatee qiletti dhidhimuun, qabsoo Oromoo of duubatti harkisee akeeka diinaa galiin gahe malee, qabsoo Oromoo taakkuu tokko hin tarkaanfachiifne.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n ayaanlaaltatoota, gantoota, xawalwaallota Impaayira Itophiyaa jala mataa suuqqatanii afaaniin waan jibbiinsa impaayirattii qaban fakkaachuun dantaa fedhan qofaaf jecha, mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo diiganii Qabsoo Oromoo kolaasan gadi jabeessee balaaleffata; dura dhaabbata.

Umanni keenya bakka jiruttii fi akka itti jirrutti of dagatuun isa irra hin jiraatu. Af-colloonni dantaaf jiraatan abukaatota Impaayira Itophiyaa tahuun waan qabsoo Oromoof dhimmaman fakkaatanii sobaa fi sossobbaan Oromoo tapha siyaasaan ala baasanii mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo hongessuun baraan ummanni keenya akka waanjoo gabrummaa jalaa boquu ol hin qabanne godhan irratti dammaquun of irraa qolachuu qaba.

Impaayirri Itophiyaa dahoo fi dahannoo gabroomfattootaa taate tun hanga Oromoon haqummaa isii hin barinitti, Biyya taatee hin jiraattu; Biyyees taatee lafa irraa hin baddu. Ajandaa impaayira jiraachisuu ofitti fudhatanii kanneen tarkaanfachiisan ammoo Af-colloota, Abukaattota Itophiyaa kanneen baraan ajandaa ummata balโ€™aa gabroomsu bixxiluun, Oromoon โ€œHiriira siyaasaaโ€ akkanaa fi akkasii jalatti masakamuu qabaan carraa argatan cufatti fayyadamanii lallabaa oolanii dha.

Lolli dhaabbataan (Strategical war) Oromiyaatti waggoota Shan dura eegalee qeโ€™ee fi qabeenya daaressee, lubbuu lammiilee Oromiyaa akka baalaatti harcaase, Kaaba Impaayerattiitti tarkaanfachuun waggoota lamaaf naannicha daaresse. Inni ammas gar-tokkee Kaaba Impaayerattii goolaa jiru lola Team Lammaan qabsiisan, lola abukaatonni maqaa Oromoon daldalan qilleensa itti hafarsaa turan Biltsiginnaanis xumura itti gochuuf ijibbaataa jiruu dha.

Kan lolamaa jiruu fi kan irratti wal lolaa jiran Oromiyaa dha. Lolichi lola Itophiyaa fi Oromiyaa giddutti barootaaf deemaa turee dha. Hanga Oromoon eenyu akka isa lolaa jiru of irratti baree of irraa hin qolatinitti lola dhaabbatuu miti.

Lolichi keessa keessa fiiguun al tokko, Tigraay, yeroo biraa Affaar, ala itti aanu Amaara, takka utaalanii ammoo Gambeellaa rukutanii deebi’an, yoo itti tole ammoo daangaa Suudan jedhan cufti isaa lola tooftaa dhageettii addunyaa horachuun golgaa fi dahoo waraanaan galii maddisiifachuu ykn madda galii godhachuu ti.

Gaggeesitootni impaayira Itophiyaa fi daldaltoonni maqaa Oromoon keessaa fi alaan wal ijaaran cuftinuu ajandaan waloo isaanii inni ijoo fi guddaan Itophiyaa jiraachisuu dha.

Ummanni keenyaa keessaa fi alaan ajandaan isaa inni guddaan ajandaa mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromooijaaruu, tumsuu, itichuu fi tikfachuu tahuu qaba. Gaanfa Afrikaa kana keesaatti qe’een ormaaf bal’oo Oromootti dhiphatte, gabromfattootaa fi ergamtoonni isaanii itti wal gahan dirreen lolaa Oromiyaa dha.

Ummanni Oromoo qe’ee kee ormaan sitti dhiphate bal’ifattee keessa jiraachuuf, akeekaa fi kaayyoo itti dadhabaa turte galiin gahachuun Bilisummaa, Mirga abbaa Biyummaa, Dimokiraasii fi walqixummaan sabaa fi sablammootaa barbaadamu mirkaneeffachuuf yeroon kun, yeroo kam iyyuu caalaa yeroo barbaachisaa fi murteessaa dha.

Waan taheef, ummanni keenya dammaqiinaan quba wal qabaatee, afanfajjii fi burjaajii ergamtoota diinaa irraa fagaachuun qeโ€™ee isaa tikfachuu qaba.

Kanneen ergamni isaanii Itophiyaa kufte lafaa kaasuu taโ€™ee fi qabsoo Oromoo laamshessuu irratti fuulleffatan maqaa Oromoo dhahataa, Dhiiga ilmaan hiyyeessaa irraan tarkaanfatanii, baraan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo hoongessaa, mooraa Impaayera Itophiyaa gabbisuuf jecha โ€œHiriirri Siyaasaโ€ jechuun afanfajjii uumaa oolan cufti isaanii baabura qabsoo Oromoo geessanii qiletti dhidhimsanii, qabsoo Oromoo of duubatti harkisuun akeeka diinaa galiin gahan malee, qabsoo Oromoo taakkuu tokko illee hin tarkaanfachiifne.

Kanaaf, jarri kunneen warra qabsoo Oromootti falaxaa guuruun mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo diigan tahuu baruun ummanni keenya dammaqinaan irraa akka of tiksu gadi jabeessinee dhaamna.

Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 16, 2023

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *