Ergamaan Addaa US Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin mari’achuu beeksisan.
(SQ-Fulbaana 20,2022)
Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US kan ta’an Maayik Haamar waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegale karaa nagaan akka xumuramuuf Ministira Muummee Abiy Ahimad fi aangawoota Tigraay arguun waliin mari’achuu isaanii himan.
Maayik Haamar waraanni akka haaraatti erga eegalee booda qaamoleen waraana keessa jiran mariitti akka deebi’an gochuuf gara Itoophiyaa imalani.
Ibsi waajjirri isaanii gaafa Wiixataa baase guyyoota kudhaniif Itoophiyaa turuu hima.
Waliigalteen waraana dhaabuu baatii shaniif ture xumura baatii darbe cabuun waraanni akka haaraatti eegaleera.
Abbaa waraana kana eegaleerratti mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay wal himatu.
Waraanni dhaabatee mariin akka eegalu qaamoleen adda addaa waamicha taasisuu itti fufaniiru.
Kanneen nagaan akka bu’u socho’aa jiran keessaa tokko kan ta’an Ambaasaaddar Maayik Hamar gara US’tti deebi’u waajjirri isaanii ibseera.
US mootummaan Itoophiyaa fi humnoonni Tigraay gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti waliin mariyachuuf fedha qabaachuu isaanitti simachuun Ertiraan waraana keessatti deebitee hirmaachuun akka ishee yaaddesse ibsiteetti.
Humnoonni Tigraayiifi Ameerikaan Ertiraan waraana keessa deebitee seenuu ishee ibsani. Itoophiyaan dhimma kana ni waakkatti.
Akkuma Gamta Afrikaa jalatti waliin mariyachuuf fedha agarsiisan, isa dubbatan qabatamaan gochaan akka agarsiisan akka barbaaddu US gaafatte.
Maayik Hamar turtii aangawoota mootummaa fi humnoota Tigraay waliin taasisaniin deeggarsi namoomaa dhorkaa tokko malee naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar akka dhaqqabuuf ejjannoo Ameerikaa cimsanii himuu ibsi kun ni eera.
Akkasumas ‘hidhaan saba irratti xiyyeeffate haaran eegale’, akkasumas haleellaan lammiilee nagaa irratti taasifamu akka dhaabatu akkasumas qaamoleen kana keessatti qooda fudhatan seeraan akka gaafatamaniif Haamar irra deebin gaafatanii jiru.
Waaโee gogiinsa Bahaa fi Kibba biyyattii keessatti mudatee jiru akkasumas deeggarsa namoomaa barbaachisu odeeffannoo argachuu kan ibsan ergamaan addaa kun, US Itoophiyaaf ittuma fuftee deeggarsa namoomaa barbaachisu akka gootu waadaa seenan.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti irra deebin eegale hordofee hawaasni idil-addunyaa qaamoleen wal-waraanan dhukaasa dhaabun mariitti akka deebi’aniif waamicha gochaa jiru.
Mootummaan Itoophiyaa fi Ertiraan waliin ta’uun waraana guddaa nurratti bananiiru jechuun Dura Taa’aan TPLF UN waraana dhaabsisuuf ‘humnaan gidduu haa galu’ jechuun xalayaan gaafataniiru.
Booda ammoo humnoonni Tigraay Gamtaa Afrikaa jalatti mariyachuuf walii galuu isaanii beeksisan.
Mootummaan Itoophiyaas marii Gamtaa Afrikaatin gaggeeffamu akka deeggaruu fi mariyachuuf fedhii qabaachuu beeksisuu hordofee hawaasni idil-addunyaa murtee qaamolee lamaanuu faara tolaadhan simatanii jiru.
Haa ta’u malee, waamicha dhukaasa dhaabuu humnoonni TPLF taasisan irratti mootummaan waan dubbate hin qabu.
Ameerikaan marii qaamoleen lamaan Gamtaa Afrikaa jalatti taasisan US akka tumsitu beeksisteetti.
Muddama mootummaa federaalaafi TPLF gidduu adeemaa erga tureen booda humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa haleeluu hordofee ture waraanni baatiiwwan 22 dura Tigraayitti kan eegale.
Waraanichi Tigraayittis eegalu gara Amaaraafi Affaar babalโachuun badii guddaa dhaqqabsiiseera.
Lammiileen miiliyoonaan lakkaa’aman qe’eerraa yoo buqqa’an sababa waraanaan kanneen deeggarsa namoomaaf saaxilamanis hedduudha.