Shawaa Lixaatti Waraanni Bilxginnaa namoota 7 mana hidhatti baasun ajjeesse.

Shawaa Lixaatti Waraanni Bilxginnaa namoota 7 mana hidhatti baasun ajjeesse.

(SQ-Ebla 5,2022)

Eebila 3,2022 Godina Shawaa lixaa Aanaa Liiban Jaawwii ganda Alaltuu Dhirikkoo bakka Ulaa Qaayyaa jedhamutti Waraanni Bilxginnaa namoota nagaa 6 mana isaanii keessaa qabun hidhe jedhu maddeen SQ

Namoota hidhaman sana guyyaa tokko mana hidhaa bulchuun kaleessa Eebila 4,2022 mana hidha keessa baasuun ajjeesanis jedhu maddeen
namoota ajjeeffaman keessa kan maqaan isaanii nuqaqqabee
Obbo fayyeeraa Dachaasaa,
Obbo Baqqaalaa Kabbadaa, fi
Obbo Taaddalee Altaayyee kan jedhaman kanneen maqaan isaanii arganee yoo ta’uu Namoota 3 hafan hanga 9duu kana qindeessinetti maqaa isaanii adda hin baafane.

Oduuma walfakkaatun Godina Shawaa Lixaa Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Qaxqaxootti Barsiisaa Amantii Waaqeffannaa Aanichaa kan ta’ee Dargaggoo Tokkummaa Tolasaa Waraanni Bilxginnaa qabe hidhun erga mana hidhatti dararee booda mana hidha keessa baasun ajjeessan jedhu maddeen SQ.

Maqaa Oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun Mootummaan Bilxginnaa Oromiyaa irratti Waraana labsuun namoota nagaa jumlaan ajjeessuufi hidhu jabeesse itti fufee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *