Jaardagaa Jaarteetti haleellaa Milishaa Amaaraatiin maatii tokko keessaa namoonni afur ajjeefaman.

Jaardagaa Jaarteetti haleellaa Milishaa Amaaraatiin maatii tokko keessaa namoonni afur ajjeefaman.

(SQ-Ebla 4,2022)

Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee, Ganda Digaluu jedhamu keessatti lola Finxaaleyyiin Amaaraa Ebla 2,2022 waaree booda bananiin, lubbuun miseensota maatii tokkoo 4 darbuu maddeen keenya nuuf himan.

Finxaaleyyiin Amaaraa kunniin hidhannoo guutuudhaan kan socho’an ta’uu fi gandoota baadiyyaa Aanaa Jaardagaa Jaartee hedduu keessattis saamichaafi ajjechaa raawwachuu erga eegalanii ji’otarra darbeera jedhu.

Torbaan tokko duras gochii wal fakkaatu Ganda Somboo Waateefi Digaluutti rawwaachun manneen uummataa heddu gabataaniru.

Hawaasni gandichaa hedduun kana dura maqaa Waraana Bilisummaa Oromoof deeggarsa taasiftu jedhuun meeshaaleen adda addaa waan irraa fudhatameef, humna finxaaleyyii kana qolachuu hin dandeenye jedhan. Abbootii, jaarsolii fi daa’imman hedduun baqatanii ba’uuf humna hin qabne harka humnoota kanaa keessatti kufuuf dirqamanis jedhu maddeen.

Haleela Ebla 2,2022n Miseensota maatii tokkoo kan ta’an maatii Obbo Raggaasaa Tolasaa, Abbaa warraa, Haadha warraafi ijoolleen isaanii 2 finxaaleyyii kanaan qabamanii bakka tokkotti gara jabinaan ajjeefaman jedhu. kana malees shamarran Oromoo humnoota finxaaleyyii Amaaraa kanaan butamanii fudhatamuus odeeffanneerra.

Humnootiin nageenyaa Bilxginnaa kan naannoo Oromiyaafi Federaalaa dhimma kana quba qabaatanis tasgabbeessuuf fedhii hin agarsiifne jedhu maddeen keenya.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *