Gujiitti Sababa beelaatiin Haadha beelli ajjeesee bule, daa’imni ganama reeffa harma osoo hootu argamte.

Gujiitti Sababa beelaatiin Haadha beelli ajjeesee bule, daa’imni ganama reeffa harma osoo hootu argamte.

(SQ-Adoolessa 29,2022)

Godina Gujii Aanaa Sabbaa Boruutti hawaasni gandoota baadiyyaa fageenyarra jiran keessatti sababa hongeetiin lubbuun namaa darbaa akka jiru jiraattonnii fi angaa’aan aanichaa himaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Buusaa Gonofaa Aanaa Sabbaa Boruu Obbo Mokonaa Hoxxeessaa akka jedhanitti, hanga ammaatti aanichatti namootni 12 sababa beelaatiin lubbuun isaanii darbeera.

Namoota lubbuun isaanii darbe keessaa ammoo harki caalaan daa’imman akka tahanis himan.

Haa ta’u malee jiraattoonni naànnichàa ammoo namoonni hanqina nyaataan lubbuu dhaban 20 akka gahan himu.

Aanaa Sabbaa Boruutti Gandi Dirree Saphansaa gandoota sababa hongeetiin duuti namaa itti mudate keessaa tokko. Gandi kun magaala aanichaa Darmee irraa fageenyarratti kan argamtudha.

Aadde Dukkoo Xona’aa ammoo maatiisaanii waliin ganda kana keessa jiraatu.

Ganda hongeen rukutame kanatti gargaarsi namoomaalleen sababa rakkoo nageenyaafi daandiin hin jirreef erga qaqqabee tureera.

Aadde Dukkoon midhaan osoo hin nyaatiin guyyoota lakkofsisan. Daa’imni isaanii xiqqoon harma hootus ija isaanii duratti yoo beelli qoru arguun ammoo dhiphina biraa isaanitti uume hedhan.

Haati kun midhaan xiqqoo argatan mucaa isaanii kan guyyaa lamaaf midhaan hin nyaatiin afaan kaa’anii ofii isaaniitiin hagabuu gadi ciisan. Isaan hirriibaaf ciisanis qoonqoon irra aantee ganama lubbuun darbee bules jedhu.

Ganama yeroo maatiin ka’u mucaa xiqqaan Aadde Dukkoo harma hodhaa turte. Aadde Dukkoon garuu lubbuun hin jiran.

Mucaa xiqqaan ganama harma haadha lubbuun hin jirree hodhu warra argetti rifaatuu guddootu dhalate.

Abbaa warraa isaanii Obbo Dheekkamaa Eelemaa bilbilaan argachuuf yaallus sababa gandicha networkii gahaan hin jirreef nuuf hin milkoofne.

Oduun kun Sabbaa Boruu cufatti dhagahamee hammina beelli ittiin dhufaa jirtu kan mul’ise hawaasa hunda kan rifachiise ture jedhan.

Maddi BBC.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *