Harargee Lixaa aanaa Odaa Bultumitti humni addaa Oromiyaa namoota nagaa 5 ajjeesuun 2 madeessuun dhaga’ame.

Harargee Lixaa aanaa Odaa Bultumitti humni addaa Oromiyaa namoota nagaa 5 ajjeesuun 2 madeessuun dhaga’ame.

(SQ-Adoolessa 29,2022)

Godina Harargee Bahaa aanaalee garaagaraatti hidhaafi reebicha dabalatee dararaan adda addaa humnoota mootummaa Bilxiginnaatiin ummata irra gahaa jiraachuu maddeen himan.

Ajjeechaa aanaa Odaa Bultum Araddaa 26 keessatti humni addaa Oromiyaa raawwate waliin walqabatee haalli naannicha jiru akkaan hammataa ta’uu himu jiraattonni.

Akka jiraattonni yaada isaanii nuuf kennan himanitti namoonni ajjeefaman 5 fi madaa’an lamaan kunneen yakka homaatu kan hin qabne namoota nagaa ta’uu dubbatu.

Araddoota aanichaa keessaa tokko kan taate araddaa 26 keessatti guyyuma Sanbataa waldhibdeen namoota dhuunfaa lama giddutti uumamuu fi isaan keessa inni tokko lubbuun dabruu kan himan jiraattonni, firoottan namoota wal ajjeesanii akka aariidhaan badii biraatiif wal hinsaaxilleef gosaa fi manguddoon biyyaa bahanii walitti araarsanii jedhan.

Sana booda humnoonni addaa Oromiyaa bakka gaddaatti dhukaasa bananiin namoonni nagaan ajjeefamuu himaniiru.

Maqaan namoota ajjeefamanii; Maohaammad Aliyyii Saadiqoo, Aliyyii Mohaammad Addaayyuu, Ayishaa Ibraahim Adam, Dubaay Usmaan Hassan fi Gamteessaa Aliyyii Mahaammad kanneen jedhaman tahuu jirattotarraa odeeffannee jirra.

Sirni Awwaalcha isaanis bakkuma dhaloota isaanii Araddaa 26 keessatti Dilbata dabre raawwatamee jira.

Oduu walfakkaatun magaalaa Awwadaay keessatti humnoonni tikaa Bilxiginnaa dargaggoota karaa irratti argan sababa malee reebuu fi mana hidhaatti darbachaa jiraachuu dubbatu.

Gochaan kun duraanis turuu fi keessumaa torbee lamaa as akkaan hammaatee jiraachuu himanii jiru.

Haalli walfakkaataan akkanaa aanootaa fi magaalotaa godinichaa kanneen akka Haramaayaa, Dhangaggoo, Karramillee, Dadar, Calanqoo,Qullubbii fi Kurfaa Callee fi Baroodaa faa keessatti raawwatamaa jiraachuus odeeffanneerra.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *