Badhaasni ‘Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 22 bara 2014 Akka geggeeffamu Koreen Fawondation Hacaluu hundeessaa Ibsa har’a miidiyaaleef kennaniin ifoomsan.

Badhaasni ‘Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 22 bara 2014 Akka geggeeffamu Koreen Fawondation Hacaluu hundeessaa Ibsa har’a miidiyaaleef kennaniin ifoomsan.

(SQ-Waxabajjii 15,2022)

Badhaasni ‘Haacaaluu Hundeessaa Award’ guyyaa yaadannoo Wareegama Artiisti Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 22 bara 2014 Akka lakkoofsa xoophiyaatti akka gaggeeffamu koreen qindeessituu sagantichaafi Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa beeksise.

Saganticha ilaalchisuun har’a miidiyaaf ibsa kan kennan haati warraa artistichaa Aadde Faantuu Damisawu akka jedhanitti, faawundeeshinichi waggaa tokkoo dura maatii Haacaaluutiin hambaawwan inni dhiisee deeme dhalootaaf dabarsuuf kan hundaa’eedha. Bu’uura kanaan sagantaan badhaasaa jalqabaa qophaa’eera.

Badhaasichi akaakuuwwan muuziqaa 10n kan dorgomamu yoo tahu, sirboonni guyyaa darbuu Artisti Haacaaluurraa kaasee Afaan Oromootiin sirbaman kan dorgomsiifaman taha. Haaluma kanaan muuziqaa, kiliippii, walaloo, yeedaloo, qindeessaa, ediitara kiliippii, sinimaatogiraafii, artiistiin dubaraafi dhiiraa cimaa baranaa kan dorgomsiifamanii badhaafaman taha jedhu.

Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa kun kana boodas Waxabajjii 22 waggaa waggaadhaan walitti fufiinsaan akka geggeeffamus, Boordiin foundationichaa beeksisee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *