Godina Shawaa Bahaa Liiban Cuqqaalaatti waraanni mootummaa Bilxiginnaa uummata qe’ee irraa buqqaasaa jiraachun dhaga’ame.

Godina Shawaa Bahaa Liiban Cuqqaalaatti waraanni mootummaa Bilxiginnaa uummata qe’ee irraa buqqaasaa jiraachun dhaga’ame.

(SQ-Adoolessa 12,2022)

Jiraattonni Godina shawaa bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa gandoota garaagaraa irraa buqqaafama jiraachu himaatu.

Gandootni aanichaa 6 jechuunis Daglagalaa Jiddaa, Ilmoo Cuqqaalaa, Odaa Jiddaa, Muummee Kosooroo, Warra Jaarsaa, Agamsa Roggichaa jedhaman gandoota guutumatti sadarkaa jedhamuun uummanni kan irraa buqqa’e ta’uu himan.

Lafti Sulula Awaash keessatti argamu keessa WBOtu socho’a uummannis dawoo waraana kanaaati jedhamuun waraanni Bilxiginnaa uummata buqqise jedhu.

Sulula kana keessa lola Waraanni Bilisummaa Oromoo geeggeessa jjru hordofee Zoonii rakkoo nageenyaa qabanii jedhamuudhaan xaa’oo fi sanyii filatamaas gandootni kunneen dhoowwatamuu jiraattonni dubbatan.

Humnoonni mootummaa Bilxiginnaa gandoota baadiyyaa kanneenirraa dargaggoota ajjeesuu, manguddoota hidhuu fi qe’ee uummataa gubaa turuu gabaasaa turreera.

Uummanni Waraana Bilisummaa Oromootiif dawoo taatan jedhamuun waraana Bilxiginnaatiin qe’ee ofiirraa buqqaafame, dhibbaan lakkaawamu haawwan, daa’immanii fi manguddoota akkanumas beeylada ofii waliin faffaca’ee jira jedhu.

Gariin daggalatti gariin fira isaatti baqachuu jiraattotatu hime.

Giddugaleessa Oromiyaatti Waqtiin kun waqtii oomisha gannaa yoo ta’uu.

Uummanni garuu sababa waraana Bilxiginnaattin qe’ee ofii keessa taa’ee qotatee facaafachuu akka hin dandeenye dubbatan.

Uummanni haala kanaan dararamaa jiru ganna kanas ta’ee bara itti aanu waan nyaatu akka hin qabnes himataa jiru.

Uummata dawoo Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun marsanii beelessuu fi qe’eerraa buqqisuun kun kutaa Oromiyaa baay’eetti erga raawwatamuu jalqabe waggoo hedduun lakkaawamanii jiru.

Haala kanaan godinaalee Wallaggaa Arfan, Shawaa Arfan, akkanumas Kibba Oromiyaa Godinaalee Gujii fi Booranaatti uummanni kuma hedduu ta’u maatii fi qabeenyi isaa faca’ee haala hammaataa keessa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *