Kibba Lixa Shaggar Walisoofi Wanciitti waraanni Bilxiginnaa Dargaggoota hidhu itti fufee.
(SQ-Adoolessa 12,2022)
Kutaalee Oromiyaa hunda keessatti dargaggoota Oromoo hidha fi ajjeessa kan jiru Waraanni Bilxiginnaa Adoolessa 10,2022 Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Walisootti dargaggoo Mokee Tirfessaafi Abbuu Abarraa jedhaman badii tokko malee qabanii hidhu maddeen Sagalee Qeerroo nuuf himan.
Haaluma walfakkaatuun Aanaa Wancii ganda Dulelee Billaachaatti mana Obbo Namsoo Fayyisaa qabeenya isaan qaban guutuu waliin jala gubun maatii isaanii keessa ammoo Obbo Fixumaa Abdisaa, Obbo Lammaa Gammachuufi nama maqaan isaanii ammaaf adda hin bane tokko ukkamsanii deemu namnni ijan argee SQtti hime jira.
Kana malees achuma Aanaa Wanciitti Adoolessa 11,2022 Waraanni Bilxiginnaa dargaggoota sadii Damisee Tafarraa , Dani’eel Abdiisaa ,Mosiisaa warqinaafi namoota maqaan isaanii adda hin bane heddu ukkamsanii hidhus odeeffanneerra.