Kaabaa Oromiyaa Wallootti Faannoo fi hidhattoonni Amaaraa weerara banan.
(SQ – Adoolessa 11,2022)
Humni Addaa Naannoo Amaaraa fi hidhattootni Faannoo jedhaman Oromoota Walloo irratti Adoolessa 10,2022 irraa qabanii lola geggeessaa akka jiran maddeen SQtti himan.
Ummatni Oromoo Walloo kanneen isaaf dhumaatii malee gaarii hin dalagneen marfamee jiraatu lolli humnoota adda addaan dhaabbatummaan irratti waljijjiiraa jiraata.
Weerarri Humni Addaa Naannoo Amaaraa kaleessa Oromoota Walloo irratti bane kun ummaticha jilbeenfachiisuu fi akka eenyummaa isaan hin mul’atne taasisuuf ta’e jedhamee tuttuqaa deemsisamaa jiru ta’uun gaaffii hin qabu.
Lolli kun Walloo Ona Jiillee Dhummuugaa gandoota Baxxee fi Gooroo Dirree Badaanaa jedhaman keessatti kan deemsisamaa jiru yoo ta’u, hidhattootni naannoo Amaaraa kun meeshaa gugurdaatti fayyadamaa akka jiranis ibsameera. Weerara Humni Addaa Naannoo Amaaraa fi Faannoon waliin ta’uun geggeessaa jiran kanaan maanguddootni, hawwanii fi daa’imman miidhamuun ibsamaa jira.
Sababa lola kanaan ummatni nagaan danuun kan miidhaman yoo ta’an, warri madaa’anii fi hiree mana waldhaansaa ga’uu argatan ganda Baxxeetti kan argamu buufata waldhaansaatti guuramuu maddeen himaniiru.
Oromoo Walloo alagaan marfamee jiraatuu fi marfama keessatti itti duulamaa jiru kanaaf Oromoon Oromiyaa keessaa fi alaa sagalee ta’uufii qabaan dhaamsa keenya.