Finxaaleyyiin Amaaraa Wallagga Bahaa Giddaa Ayyaanaatti namoota nagaa ajjeessu itti fufan.

Finxaaleyyiin Amaaraa Wallagga Bahaa Giddaa Ayyaanaatti namoota nagaa ajjeessu itti fufan.

(SQ-Sadaasa 1,2022)

Mootummaan Bilxiginnaa ilmaan oromoo irratti ajjechaa gara jabeenyaan gutee raawwachaa Kan jiru malee humnoota finxaaleeyyii Amaaraa tumsuun Sabaa Oromoo ficcisiisuu itti fufee jira.

Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jedhamaniifi milishaan Amaaraa kun Mootummaa Bilxiginnaa da’oo godhachuun Godina wallagga bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti uummata nagaa ajjeessu , qe’ee irra buqqisuufi qabeenya uummata saamuun yakkaa waraana Sabaa Oromoofi lammilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan Onkoloolessa 29,2022 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa irraa Konkolaata uummata fe’ee gara magaalaa naqatmee deemaa jiru 2 bakka gaara Dichoo jedhamutti dhaabsisuun dhukaasa itti banuun namoota kaan ajjeesuun kaan ammoo miidhaa qaamaa ulfaata irraan ga’uu maddeen nuuf himan.

Namoota ajjeefamanii keessaa Kan maqaa isaanii Arganne

1Lalisee Gammachuu
2Taaddaluu Gaarradoo
3Habtee Galataa kanneen jedhaman yoo ta’uu Fayyinee mulgeetaa Kan jedhamtu rukutamtee madaa’uun Hospitaala Giddaa Ayyaanaatti yaalamaa jiraachuu odeeffanneerra.

Finxaaleeyyii Amaaraa kana kallatti hundan tumsuun gocha duguuggaa sanyii saba oromoo irratti hirmaachaa Kan jiru Qaama mootummaa Bilxiginnaa ta’uu Maddeen keenya nuuf Gabaasaniru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *