Shawaa lixaa Meettaa Walqixxeetti Humni Adda Oromiyaa uummata saamaa shamarran gudeedaa jiraachu himatu jiraattonni.

Shawaa lixaa Meettaa Walqixxeetti Humni Adda Oromiyaa uummata saamaa shamarran gudeedaa jiraachu himatu jiraattonni.

(SQ-Sadaasa 15,2022)

Godina Shawaa lixaa aanaa Meettaa Walqixxee gandoota akka Gooroo, Minaaree fi magaalaa Walqixxee keessa Poolisiin humna addaa Oromiyaa buufatee jiru saamicha qabeenya uummataa irratti bobbaโ€™ee jira jechuun komatu jiraattonni.

Hoteelota, manneen bunaa fi manneen nyaataa seenuun isin Waraana Bilisummaa Oromooti sooraa jirtu akkamiin hidhattoota mootummaa kaffalchiiftu jechuun kaffaltii malee nyaatanii dhuguun jiraattota kasaarsaa jiru jedhu maddeen keenya eenyummaa isaanii akka dhoksinuuf nu gaafatan.

Qaamoleen kunneen namoota gabaa galanis maallaqa fidi jechuua hiraarsaa jiru jedhu.

Kana malees hidhattoonni kunneen ijoollee shamarranii mana barnootaa galanii fi haawwan ukkaamsuun gara daggalaatti geessun gudeedaa jiru jedhu.Sababa kanaan Manneen barnootaa hedduun naannichaa cufamanii jiru jedhu.

Sodaa fi yaaddoo humnoota kanneenii hawaasni gara itti goru dhabee jira kan jedhan maddeen keenya kunneen warri humna qabu gara Magaalaa xixiqqoo aanaatti galaa jira jedhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *