‘US warra waliigalticha gufachiisan adabuuf qoqqobbii fayyadamuurraa duubatti hin deebitu’

‘US warra waliigalticha gufachiisan adabuuf qoqqobbii fayyadamuurraa duubatti hin deebitu’

(SQ-Sadaasa 16,2022)

US waliigalteen waraana dhaabuuf mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay gidduutti taasifame kabajamuu mirkaneessuufi sarbama mirgoota namoomaaf itti-gaafatamni akka jiraatu gochuuf, qoqqobbii fayyadamuurraa duubatti hin deebitu jedhan aanga’aan olaanaa Isteet Dippaartimanti tokko.

Aanga’aan Isteet Dippaartimanti olaanaa maqaan isaanii hin eeramiin tokko akka ibsanitti, bu’uura waliigaltee mallattaa’een Ertiraafi humnoonni biroo naannoo Tigraay keessa jiran hin ba’an taanaan Ameerikaan qoqqobbii kaa’uu dandeessi.

Yeroo ammaa kana waraanni Ertiraafi humnoonni Amaaraafi Affaar Tigraay keessatti akka argaman kan himan aanga’aan US kun, waliigalteen mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay irra gahan humnoonni kunneen akka naannicha keessaa bahan kan gaafatu akka ta’e yaadataniiru.

Mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigrayy waliigaltee nagaa mallatteessan hojiirra oolchuudhaaf murannoo akka qaban dhaga’aa jirra kan jedhan aanga’aan Isteet Dippaartiment kun, waliigalteen nagaa kun akka hojiirra hin oolle warren gufuu ta’an garuu adabamuu akka danda’an ibsaniiru.

Waliigalteen nagaa kun akka kabajamuufi hojiirra oolu, akkasumas sarbama mirgoota namoomaa warri raawwatan akka itti gaafataman gochuuf “qoqqobbii kaa’urraa duubatti” hin deebinu jedhan.

Aanga’aan Olaanaa US Isteet Dippaartimen maqaan hin eeramne kun akka jedhanitti adeemsa waliigaltee nagaa Kaaba Itoophiyaa ilaalchisee odeeffannoo gaazexeessitootaaf kennanitti ture kana kan jedhan.

Aanga’aan kun ibsa bilbilaan kennaniin adeemsa waliigaltee nagaa hojiirra oolchuu maal akka fakkaatuufi amma maalirra akka jiru ibsaniiru.

Erga mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay Piritooriyaatti waraana dhaabuu waliigalanii sa’aatii 48 fi 72 keessatti humna ittisaa Itoophiyaafi humna Tigraay gidduutti walitti bu’insi dhaabbateera jedhan aanga’aan US kun.

Waliigalteetiin booda walitti bu’insi dhaabbachuun isaa gareen lamaanuu fedhii guddaa nagaa buusuuf qaban agarsiisa kan jedhan aanga’aan olaanaa kun uummata Amaaraa, Affaar fi walumaagalatti uummata Itoophiyaa gara fuula duraatti gargaaruudhaaf carraaqqii taasifamu keessatti walitti bu’insi dhaabbachuun gahee guddaa qaba jedhan.

Ergamaan Addaa Gaanfa Afrikaa US Maayik Hamer bakka bu’oota humnoota Tigraay marii nagaa irratti hirmaatan Maqaleetii xiyyaara waraanaatiin fuudhanii geessaafi deebisaa akka turan himaniiru aanga’aan kun.

Maayik Hamer bakka bu’oota Tigraay waliin socho’aa kan turan gaaffii Gamtaa Afrikaafi beekamtii mootummaa Itoophiyaatiin ta’uu isaas ibsaniiru.

Maayik Hamer mariin Naayiroobiitti ture xumuramuu isaa hordofee maricharratti bakka buutota Tigraay qabatanii erga Tigraay, Maqalee deemaniin booda dursa TPLF Dabretsihon Gabremikaa’el (PhD) waliin wal arganii akka dubbataniifi Kibxata ammo gara FInfinneetti deebiyanii MM Abiy fi Itti-aanaa isaa Dammaqaa Mokonnon waliin akka wal arganis dubbataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *