Oromiyaa Kutaalee adda adda keessatti Waraanni Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo humnan ukkaamsun gara adda waraanaatti ergaa jiraachuu dhaga’ame.
(SQ-Waxabajjii 16,2022)
Waraanni Faashistii Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti dargaggoota Oromoo umuriin isaanii hin geenye humnaan ukkaamsun garaa adda waraanatti geessa jiraachuu maddeen SQ bakka adda adda nuuf gabaasan.tibba kanas Baha Oromiyaa, Lixa Oromiyaa, Giddu galeessa fi Kibba Oromiyaa keessaa dargaggooti hedduun humna waraana Bilxiginnaattin ukkaamsamu odeeffanneerra.
Haaluma kanaan Waraanni Mootummaa Bilxiginnaa Waxabajjii 14,2022 Godina Booranaa aanaa Dirree magaalaa Tulluu fardaa keessaa dargaggoota Oromoo humnan ukkaamsuun konkolaataa FSR tokko guutuu gara leenjii waraanaatti geessuu maddeen SQ nuuf himan.
Haaluma wal fakkaatuun Waraanni Bilxiginnaa Waxabajjii 13/2022 Godina Harargee bahaa Aanaa Dadar gandoota baadiyyaa garaa garaa irraa dargaggoota hedduu dirqamaan funaanuun, akkasuma barattoota Dhaabbilee olaanoo irraa eebbifamanii hojii dhabaa ta’anii jiran hojii isiniif uumna jechuun goyyomsuun, konkolaataa hedduun gara mooraa leenjii Bilxiginnaatti geessaa jiru jedhu maddeen.
Oduuma Wal fakkaatuun Waraanni Bilxiginnaa waxabajjii 14,2022 Godina Qellem Wallaggaa aanota kanneen akka Haroo Sabbuu fi Laaloo Qilee gandoota garaa garaa keessaa dargaggoota ol adeemoo saalaan osoo gargar hin qoodiin waajjira poolisiiti walitti qaba jiraachuu maddeen nuuf himan.
Kana malees wajjira Poolisii laaloo qilee keessatti dargaggoota walitti qabaa turan sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo lola jajjabaa irratti geggeessaa jiruuf daandii ittiin fuudhanii ba’an dhabanii rakkachaa jiraachuu fi maatiin ijoollee waajjira poolisii deemuun halkanii guyyaa imimmaan isaanii roobsaa jiru jedhu maddeen SQ.
Waraanni mootummaa Bilxiginnaa Oromiyaa guutuu keessatti uummata nagaa hiraarsaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa kan jirudha.