Magaalaa Gambeellaa fi Naannooshe Keessatti Lammiileen Oromoo Nagaan Humna addaa Gambeellaatiin ajjeefama jiraachuun beekame.
(SQ-Waxabajjii 16,2022)
Odeessi Gambeella irraa SQ qaqqabaa jiru akka agarsiisutti, lammiileen Oromoo nagaan hojjetatanii of jiraachisan magaalaa Gambeellaa fi naannoo ishee keessaa waraanaa fi poolisa mootummaan barbaadamanii jumlaan ajjeefamaa jiraachuun beekameera.
Haaluma kanaan Waxabajjii 16/2022 waraanni Hmna Addaa Gambeellaa Dargaggoo Oromoo Hassan kan jedhamu fi dargaggoota biroo isa waliin turan 8 kan ammaaf maqaan isaanii fi suuraan isaanii nun qaqqabne haala suukanneessaan ajjeesuu Maddeen nuuf himan.
Ammallee haga Oduu kana qindeessinetti lakkoofsi ilmaan Oromoo waraanaa mootummaan ajjeefamaa jiranii dabalaa jiraachuu fi uummanni Oromoo magaalaa Gambeellaa fi naannoo ishee keessa jiraatanis haala ulfaataa keessa jiraachuun beekameera.