Waraanni Bilxiginnaa Shawaa Lixaafi Bahaatti namoota nagaa 8 yoo ajjeesu 5 ammoo madeesse.
(SQ-Ebla 26,2022)
Waraanni Bilxiginnaa maqaa oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun bobbaafame uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qabeenya uummataa gubuu hojii idilee isaa kan godhate Ebla 22/2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Qullitiitti namoota nagaa maqaan isaanii:- Dajanee Tolasaa fi Gooftummaa Dhugaasaa jedhaman yoo ajjeesu, Aadde Birqii Tarreessaa fi Aadde Dastaa Gonfaa kan jedhaman ammoo madeessuu Maddeen keenya nuuf himan.
Haaluma Wal fakkaatuun Godinuma Shawaa Lixaa Aanaa Miidaa Qanyitti Ebla 22/2022 Waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 2, Ibsaa Dajanee fi Tamuu Asaffaa jedhaman yoo ajjeesu nama maqaan isaa Mootii Kabbadaa jedhamu ammoo madeessuu odeeffanneerra.
Namoonni ajjeefamaniifi mada’an kunneen badii qabaatanii osoo hin tane maqaa shanee gargartu jedhu itti maxxansuun ajjeessan jedhu maddeen
Mootummaan Bilxginnaa Duula Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jedhuun Milkaa’u dadhabe, gocha duguuggaa sanyii Saba Oromoo irratti geggeessuu kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.
Oduuma Wal fakkaatuun waraanni Bilxiginnaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Faantaalleetti namoota nagaa maqaan isaanii Abdallaa Daadhii, Abdullaa Gildoo, Abdallaa Qondoo, Alii Umar jedhaman yoo ajjeesu, Raabii fi Muhaammad Raaree kanneen jedhaman ammoo madeessuu maddeen SQtti himan.
Namoonni ajjeefaman kunneen hawaasa biratti jaallatamummaa guddaa kan qaban yoo ta’an badii tokko malee maqaa Shanee deeggartu jedhu itti maxxansuun ajjeesan jedhu maddeen