Finxaaleyyiin Amaaraa Giddaa Ayyaanaatti namoota hedduu ajjeesuun dhaga’ame.
(SQ-Gurraandhala 21/2022)
Finxaaleyyiin Amaaraa daangaa Oromiyaa ce’uun gocha sanyii duguuggaa raawwachaa turaniifi jiran Gurraandhalà 18/2022 Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Gandoota Haroo Ayyaanaa marsanii jiranitti duuluun Uummata meesha malèeyyii hedduu haalaa suukanneessaan ajjeesuu maddèen keenya nuuf himan.
Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman Beekamtii mootummaa federaalaa fi Naannoo kan qaban Gandoota akka Nageessoo, Haroo Ayyaanaa, Shaammee, Dooroo Obborraa, Gomboo, fi Gaattiràa jedhaman keessaatti namoota maqaan isaanii
1, Obbo Magarsaa Sadeetaa
2,Obbo Likkaasaa Fufaa
3,Obbo Assabee Itichaa
4,Obbo Olaanii Fayyisaa
5,Obbo Ayyaanaa Baqqalee fi
6,Obbo Dhugaasaa Nageessoo
jedhaman finxaaleyyii Amaaraan Ajjeefamuu maddeen keenya nuuf himaniiru.
Finxaaleyyiin kunneen Gandoota kana keessaas uummata buqqaasuun alaabaa isaanii keessa dhaabbataniiru jedhu maddeen SQ.
Onkoloolessa 10,2021 irra eegale Godina Wallaggaa Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaa keessatti Faannoofi miliishaan Amaaraa uummata Oromoo ajjeessu qabeenya isaa saamuu fi qe’ee irra buqqisuu itti fufaani jiru.