‘Dhimmi hiree murteeffannaa uummata Tigraay mariif kan dhiyaatu miti’- Dr Dabratsiyoon

(SQ -Guraandhala 19/2022)

Waraana Tigraay dhaabsisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru kan abdii namatti horu ta’us, mootummaan federaalaa yeroo kanatti fayyadamuun humna waraanaa cimsataa jira jechuun Dura taa’aan TPLF Dr Debratshiyoon Gabramikaa’el himatan.

Dr Dabratsiyoon kana kan jedhan ALI Guraandhala 11 wayita waggaa 47ffaa guyyaa hundeeffama TPLF kabajanitti ibsa gaazexeesitootaaf kennaniin ture.

Dura taa’aan TPLF kun tattaaffiiwwan nagaa buusuuf taasifamaa jiran ilaalchisuun ”Nagaan akka bu’uuf jecha wanta danda’amu hunda goona jechuuf malee, wanta qormaata guddaa qabudha,” jechuun himan.

Mariin akka hin milkoofne ”lafarra harkisaa jiru” jechuun mootummaa himataniiru. Dhimma kana irratti mootummaan waan jedhe hin qabu.

Hoggantoonni UN mootummaan TPLF waliin marii taasisaa akka jiru himanis mootummaan Itoophiyaa garuu dhimma marii kanaa hin himne.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii mariin mootummaa fi TPLF gidduutti deemaa jira kan jedhu ‘dhugaarraa kan fagaateedha’ jedhan.

”Mootummaan humnoota Tigraay [TPLF] waliin ifatti mariin nageenyaa yookiin waliin dubbiin eegale tokkollee hin jiru,” jechuun ibsan.

Waraanni erga eegalee booda paarlaamaan Itoophiyaa badiiwwan biyyattii keessatti raawwataa jiruuf TPLF itti gaafatamaadha jechuun tarree shororkeessitootaa keessatti galcheera.

Marii nageenyaatti seenuuf hudhaaleen hedduun jiraachuu kan eeran qondaalli TPLF kun, hawaasi idil-addunyaa tattaaffiin taasisaa jiru ammallee gara hojiitti hin geeddaramne jedhan.

Dr Dabratsiyoon itti dabaluun, ”Gama keenyaan ammas gargaarsa namoomaaf balbala banuuf, dhukaasni dhaabbatee baankiiwwan akka banaman, dhiyeessiin maallaqaa fi boba’aas akka jiraatuuf cimsinee hojjachaa jirra. Kanaaf mallattoon nagaa jira,” jedhan.

Haala amma jiruun gama hundaan Tigraayitti ‘ulaan cufamee’ turuun hin danda’amu jechuun Dr Dabratsiyoon dubbata

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *