Gujiitti Waraanni Bilxiginnaa Barataa kutaa 12 ajjeesun Abiddan gube.

 

(SQ-Gurraandhala 21,2022)

Godina Gujii Lixaa naannawaa Bulee Horaatti Waraanni Bilxiginnaa Dargaggoo Oromoo Gara Jabeenyaan erga ajjeese booda Boba’a itti firfirsee reeffa isaa osoo gubuu kan agarsiisu vedion Media hawaasummaa irratti facaafamee namoota heddun qoodame jira.

Akka vedio Media hawaasummaa irratti mullatu kanarraa hubachuun danda’ameetti Waraanni Bilxiginnaa Poolisiin Humna Adda Oromomiyaa jedhee of waamu Arrabsoo Safuu Uummataa Cabsuun reeffa nama ajjeefamee arrabsaa ergamtoota shanee akkasitti gubna jechuun dhaadachaa gocha suukanneessaa ijaan ilaaluun ulfaatu dargaggoo Oromoo kana irratti yeroo raawwatu argisiisa.

Akka hawaasa naannoo Bulee Horaa irra eenyuma nama sana odeeffanneetti dargaggoon ajjeefame kun barataa kutaa 12 ta’uu fi badii tokko malee maqaa shanee gargaarta jedhuun rasaasaan erga ajjeesan booda Beenzila itti firfisani reeffa isaa Guban jedhu.

Gochi gara jabeenyaan guutee kun erga media hawaasa irratti qoodame namoota hedduu dheekkamsiise jira sirni Bilxginnaa Bineensa uummata Oromoo nyaacha jirudhas jechuun dallansuu gudda uumeera.

Gochii akka kana Oromiyaa keessatti yeroo Waraana Bilxginnaan Uummata Oromoo irratti rawwaatu kun kan jalqaba miti Vedion yeroo Poolisiin Humna Adda Oromiyaa jedhaman Dargaggoota Oromoo haala suukanneessaan ajjeessan mullisu yeroo adda addatti ba’aa tureera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *