Inispeekter Nugusee Gurmeessaa kan Uummata Oromoo ajjeesisa jiru du’a Haacaaluu Hundeessaa keessaa harka qabachuu keessa beektonni saxilaan.
(SQ-Caamsaa 5/2022)
Miseensa Humna Addaa Oromiyaa kan tahe Inispeekter Nugusee Gurmeessaa ajjeechaa bara 2011 fi 2012 ALI tti dhihaa Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaa, magaalaa Dambi Doolloo keessatti ajjeechaa sukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwataa ture kan rawwaacha tureefi hogganaa turedha jedhu.
Inispeekter Nuguseen Dambii Dollootti Ajjeechaa qofaa osoo hin taane mana uummataa cabsuun qabeenya uummata Warqeefi mallaqaa saamaa tures jedhu. Kana malees Meeshaa waraanaa isinittan gurgura jechuun qarshii nama irraa fudhatee uummata ajjeesaa tures jedhu keessa beektonni.
Haala kanaan shanee hedduun ajjeese, Abbaa Torbeen qabe jechuun dargaggoota hedduu Godina Qellem Wallaggaa keessatti badii tokko malee ajjeesaa tureera.
Uummata nagaa ajjeesuun akka waan Waraana Bilisummaa Oromoo ajjeeseetti qaama isaa oliitti gabaafachuun, bara 2012 ALI tti carraan guddinaa kennamuufiin gara Giddu Galeessaa Oromiyaatti ol dhufuun, Galaan, Bishooftuu, Buraayyuu fi Laga Xaafoo keessatti caasaa shaneen balleessa jechuun uummata hiraarsa ture.
Inspector Nugusee haala kanaan uummata nagaa ajjeesuun Bilxiginnaa biratti kabajaa guddaa horate, aangoos dabalate.
Erga beekamtii argatees kan durii caalaa uummataa hiraarsa kan ture Nuguseen guyyaa Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame nama Haacaluu ajjeeseera jedhamuun shakkamee Xilaahuun Yaamii qabuun mana ofii isaa akka bulche keessa beektonni himanirru.
Sana boodas Enispeekter Nuguseen akka waan nama Haacaaluu ajjeesee qabeetti fakkeessuun Xilaahuun Yaamii mana hidhaa galche. Kanaanis beekamtii dabalataa argachuun Waajjira Shimallis Abdiisaatti Hafeeramuun Konkolaataa badhaafamuu odeeffanneerra.
Ajjeechaa Haacaaluun shakkamtee mana hidhaa kan turte Lasmiroot Kamaal waliin walitti dhufeenya jabaa kan qabuu Inspekteer Nuguseen akkasheen mirga wabiin baatuuf ga’ee gudda ba’aacha kan turee fi, mana hidhaa keessattillee ofdhoksuun Lamirootin gargaaraa akka ture maddeen keenya ni addeessu.
Inispeekter Nugusee Yeroo ammaa tika Humna Adda Oromiyaa ta’uun uummata Oromoo fixa kan jiru yoo ta’u Godina Shawaa Lixaa aanota akka Ada’aa Bargaa, Midaaqeny, Amboo fi Waddeessaa keessatti namoota nagaa hiriira galchee rashansiisaa kan jiru, isa ta’uun ifoomeera.