Ajajaan WBO zoonii kibbaa Jaal Gammachuu Abbooshee dhaamsa dabarsatan

Dhaamsa Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibbaa  Jaal Gammachuu Abbooyyee Miseensota Waraanaa fi deeggartoota akkasumas Ummata Oromoof maqaa waraanaa golgaa godhatanii shira oofaniif dubbate akka armaan gadiiti.

 

“Warannii Bilisummaa Oromoo naamusa qaba. Yoo waan kaayyoo faallessu dalagde, seeratu jira, seera sanaan gaafatamta. Akkanumaan nama ajjeesuun shiftaa ta’uu dha. Waraanii Bilisummaa Oromoo shiftaa miti, aadaa qaba, seera qaba, akkaataa nama itti sirreessu qaba, yoo sun hin jiraatiin namni waliin jiraatu hin danda’u. Nuyi seera ittin bullu kan ittin oollu qabna. Seerri kan dirre lolaa ni jira, kan naamusa adabaa ni jira, safuutu jira. Fakkeenyaaf, seera dhala namaa hin ajjeesiin ,seera dhala namaatti hin roorrisiin, gocha ummatatti roorrifamu, hin godhiini, yoo goote adabbiin kee kanaaf kana jedhamee ni jira.

Kaayyoo naamusaa qabna. Kan  booji’ame, hin hiraarsiin. Ummata hin mufachiisin. Waan hedduu qaba. Waraana Bilisummaa Oromoo ammaa keessatti yaadaan rakkoo furra. Amma yoo seera jala taa’etti badiin kee ilaalame, yookaan bilisa baata yookaan, gara wal-aarsuu deemuu dha. Heera keessatti wal loluunii fi wal arrabsuun dhorkaa dha .

 

Yoo wal dhaban, nama san addaan baaftee gaafatta, yoo walii galuu dadhaban, nama sadaffaatu hirmaata. Hoggana birayyuu hin ga’u, miseensootumatu wanta kana geggeessa. Warra akkanatti heera qabu, warra akkaniti naamusa qabu, Jaala kan guddatee ummata dammaqsa ture, kan qawwee malee bilisummaan hin jiru jedhe lallabu, ijoolleen nama faaruun jajjabeessuun, waan guddaa dalage. Amantaas qabaatee, nu birattii amantaa qabachuun rakkoon hin jiru. Seeraan kan dhorkaa ta’ee amantii kiyyaa tu siiriidha kiyya fudhadhaan malee, amantaan rakkoon hin jiru. Yeeroon sooma hin eegama, sooma’ra dadhabuun, wanta akkasi, hin eggaatama, nyaataaf dhugaatiin hin kennama. Nu warra akkanaati.

 

Namni dhugaaf jiru wanta kanatti hin amanu. Diinatu wanta kanatti amana. Mootummaa dadhabdee jirti. Harargeef kibba baha harkaa qabna jedhanii, kibba baha dhabuu jirra, nurraa fudhatuu jiranii (Waraana Bilisummaa Oromotu fudhataa jira, jechuudha) akkamitti laafina isaanii fayyadamnee diigna hojii kan hojjataa jiran. Kamal jechun, nama irbuu waliin seenne, safu qabna, nu obboleessa keenna, haadha keenna, abbaa keenna caalaa Jaala keenna jaalannu. Diinatu wanta kana godhaa jira, ummatatti himaa, wanta akkana lallabuun hojii diinati. Diinagdee keessatti wanti guddsa kan carraa hardhaa irra nu geesse, meeshaa diinarra hiikuu dha. Guyyaa tokko lola guddaa tu ture, waan baayyeetu ture lola san keessatti, guyyaa lammaffaa irratti osoo diinarraa kilaashii hiikuu, wareegame. Kun waan jiru dha,  goota Oromootu wareegame.

Waraannii Bilisummaa Oromoo abadan wanti gargar baasuu danda’u tokko hin jiru. ”

 

Diinonni keenna kan barbaadan, tokkummaan keenna akka bittinnaa’u. Soba liqimsitanii, madaa durii keessan dhiigsitanii diina keessan hin gammachiisiinaa, yaa Oromoo. Madaa durii kana fayyina isaaf, kara marii siyaas’aa barbaaduun yoo barbaachise haalatu jira; yerootu jira. Haallii fi yeroon kan itti adeemama jirudha garuu, qabsoo keenna cacabsuu danda’a, kana beeka. Jechaa Waaqoo Guutuu, kan “gabrummaa ni buqqifna, dadhabnu ilmaan itti guddisna” jedhamu nan yaadadha.

 

Ilaa kaa, itti guddistan; jirra; hirmaanne.  Nu immoo, ilmaan itti guddisuu hin barbaannu; dhaloota keennaan fixnee buqqisuu barbaanna; madaa durii kana, kan dhugaa namatti dhaga’amu, bara baraaf illee nama aarsuu danda’u; nuuf jedhaa, ilmaan keessaniif gadi lakkisaa. Warri dhaloota hardhaa, kan dhiigni madaa durii kun isinirratti dhiige, dhuguma haalaa fi yeroo keenna ilaalaa, yaadaa fi jecha keessan eeggadhaa.

 

Wal malee homa hin qabnu.

 

Injifannoon kan ummata Oromoo ti!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *