Ibsa Miseensota ABO kibba Baha Oromiyaa dhimma Ajjeechaa Jaal Battee Urgeessaa ilaalchisee

Du’e Jaalle Battee irratti Ibsa Hogganoota, Qondaalotaa fi Miseensota ABO Kibba-baha Oromiyaa

Nuti Hogganootni, Qondaalotni, Miseensotnii fi Deeggartootni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Kibba-baha Oromiyaa (Godinoota Arsii, Arsii Lixaa, Baalee Bahaa fi Baalee Lixaa) Ajjeechaa Qondaala ABO Olaanaa Jaal Battee Urgeessaa Irratti Raawwatame Gadi-jabeesinee Balaaleffanna.

Ibsa Ejjennoo Hogganoota, Qondaalotaa fi Miseensota ABO Kibba-baha Oromiyaa

Ebla 09, 2024 ajjeefamuu miseensaa fi qondaala siyaasaa ABO Jaala keenya Jaal Battee Urgeessaa yeroo dhageenyu gaddaa  ulfaataatu onnee nu cabse. Yeroof dhugaa ta’uu isaa ofitti fudhachuufis nu rakkise. Garuu ajjeefamuun Jaala keenya marartee firaa fi orma biraa qabu kun dhugaa ta’ee argame.

Jaal Batteen bakka dhaloota isaa Oromiyaa, Godina Shawaa Bahaa magaalaa Maqiitti halkan gaafa Ebla 09, 2024 ajjeefame.

Jaal Batteen nama qaroo, Hayyuu biyyaa, sab-boonaa ummata isaa fi ilmaan cunqurfamoo biyya kanaa maraaf of kennee of qusannoo tokko malee dhugaa isaan qabaniif nama dubbachuun falmaa turee dha.

Jaal Batteen nama Oromoo fi dhaabni isaa ABOn akka qaroo ija isaatti ilaaluu fi akkaan mararfatuu dha. Jaal Bateen hanga gaafa lubbuun isaa darbuutti qaamaa fi qalbii guutuun dhaaba isaa fi ummata isaa akkasumas ummata cunqurfamoof beekumsaa fi dandeettii qabu osoo of hin qusatiin nama of kenniinsaan hojjataafii turee dha.

Jaalli keenya tarsimoo qabsoo bilisummaa, dimookirasitii fi falmataa mirga dhala namaa ti.

Ajjeechaan suukanneessaan gara jabeenyaan guutame ilmaan Oromoo qaroo ta’an irratti yeroyeroon bakkoota adda addaatti ilmaan Oromoo qareeyyii ta’an irratti raawwatamaa turetu Jaal Battee irrattis rawwatame.

Qareeyyii ilmaan Oromoo biyya kana keessatti ajjeefamanii haqni isaanii hin ba’in mata jabeenya bulchitoota impayiraa Itoophiyaatiin awwaalamee hafe lakkaawamee kan dhumu miti.

➢ Haqni Art.Hacaaluu Hundeessaa,

➢ Haqni Art.Daadhii Galaan,

➢ Haqni Ogeessa Seeraa Abduljabbaar Huseen,

➢ Haqni Abbootii Gadaa Karrayyuu fi kanneen biroo hedduu hin deebi’in jiran kaasuun ni danda’ama.

Jaal Battee Urgeessaa ilma qaroo biyyaa kan galaafate qaamotuma kanaan dura qareeyyi ilmaan Oromoo ajjeesee haqa isaanii awwaalee dha jennee amanna.

Ummanni Oromoo bal’aan, Hayyootnii fi Beektotni biyya kanaa, Qeerroo fi Qarreen Oromoo gochaa hammeenyummaa Impaayira biyyattii kana keessatti dalagamaa jiruuf hamilee cabdanii jilbeenfachuu osoo hin taane, kaayyoo dhugaa gootonni keenna of kenniinsaan isiniif hojjataa turaan fuutanii akka fuul-duratti tarkaanfachiiftanii fi haqni isaanii akka awwaalamee hin hafne dhiibbaa roga hundaan akka gootan yaamicha goona.

Nuti Hogganootni, Qondaalotni, Miseensotnii fi Deggartootni ABO Kibba-baha Oromiyaa kaayyoo Jaal Battee Urgeessaa dabalatee goototnii kennaa Bilisummaa, Dimokiraasii fi Mirga Dhala Namaa kabajsiisuuf osoo falmanii irraa wareegaman galmaan ga’uu fi Haqni isaanii akka ifa ba’uuf qooda nu irraa eegamu ba’achuuf Irbuu keenna ni haaromsanna.

Jaal Battee Urgeessaa fi qarayyoo ilmaan sabaa ajjeefamanii haqni isaanii dhokfameef qaama walabaa hin baabsinee fi qaamota mirga dhala namaaf dhaabbataniin qoratamee bu’aan firii isaa nuufis ta’e ummata Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo maraaf ifa akka ta’u jabeessinee gaafanna.

Nuti Hogganootni, Qondaalotni, Miseensotnii fi Deggartootni ABO Kibba-baha Oromiyaa gadda ulfaataa onnee keenna cabse ibsachaa, Jaala keenya akkaan jaallannuu fi akka qaroo ija keenyaatti ilaalluun Caffee Jennataa keessa nuu Boqadhu jechaa, maatii, firoottan, ummata Oromoo bal’aa fi lammiilee gadda ulfaataa kana nu waliin qooddatan maraaf jajjabina hawwina.

Qabsa’aan ni kufa, Qabsoon itti fufa!

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Hogganoota, Qondaalotaa fi Miseensota ABO Kibba-baha Oromiyaa

Ebla 13, 2024

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *